Day: September 1, 2023

Haasa’a qabattan osoo addaan hin kutin dhimma faayinaansii keessanii kan isiniif si’eessu, Koop-Chaappaagiraamiin isin qaqqabeera.

Tapha eegaltan addaan kuttanii maallaqa namaaf erguuf appilikeeshiniiwwan adda adda keessa seenuun hafeera, maaltu isin rakkise!

Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa bifa tajaajila baankii jijjiiree, Koop-Chaappaagiraamii hojiirra oolchuun isa jalqabaa ta’eera.

Tooftaa haaraan kun tajaajila baankii gara fuulduraatti tarkaanfachiisuu irratti argama.

 

Mee tilmaamaa - hiriyaa keessan waliin waa'ee irbaata wal affeeruu ergaa waliif ergitanii, battalumatti karaa Koop-Chaappaagiraamiin maallaqa erguun yommuu danda’amu!

Yookaan ammoo, maamila waliin waa’ee hojii osoo haasoftanii kaffaltii erguun yoo isin barbaachise, haasa’a keessan osoo addaan hin kutin sekondii muraasa keessatti yommuu xumurtan!

Yookaanis, obboleessi keessan biyya alaa irraa MasterCard fi Visa card fayyadamuun telegiraama irratti maallaqa yommuu isiniif ergu … Hamma kana salphaadha!

 

Koop-Chaappaagiraamiin:

  • Waaleetii Kooppeey i-birriin cinaatti waaleetota Awaashi Birrii, Siibi’ii Birrii fi Teelee Birrii irraa kaffaltii kallattiin erguu fi fudhachuu,
  • Koodii QR scan gochuun maallaqa saffisaan dabarsuu,
  • Kaffaltii namoota biroo waliin qooddachuu,
  • Kaardii mobaayilaa achumaan guuttattanii gara haasa’a keessaniitti akka deebitaanii fi kanneen biroo salphumatti akka raawwattan isin dandeessisa.

Appilikeeshiniiwwan kan biroo faana bu’aa ba’iin hin barbaachisu; Telegiraama fayyadamuu qofti gahaadha.

 

Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa tajaajila baankii dijitaalaa daran cimsuuf teknoolojiiwwan haaraa fayyadamtootaaf dhiyeessuu irratti argama.

Tajaajila baankii armaan dura turerraa addatti tajaajilamuuf of qopheessaa!

Haasa’a keessan gidduutti waa’ee kaffaltii yommuu yaadattan, Koop-Chaappaagiraam kaffaltii keessan fidee kallattumaan isiniif geessa.

Guyyaan boruu as dhiyaateera - tapha eegaltanii fi tajaajila baankii iddoo tokkotti xumuruuf qophooftanii?

Liinkii kana cuqaasaa …

 


ወግዎን እያወጉ የፋይናንስ ጉዳዮችዎን ለማንጎዳጎድ ይችሉ ዘንድ ኮፕ ቻፓግራም ከተፍ አለልዎት

የወጉና የባንኩ አውድ ተዋህዶ በመተግበሪያዎች መሀል አይዋልሉም፤ ምን በወጣዎ!

የኦሮሚያ ኅብረት ሥራ ባንክ  ኮፕ-ቻፓግራምን ሥራ ላይ በማዋል የባንክ አገልግሎት አሰጣጥን መልክ በማስቀየር ቀዳሚ ሆኗል።

ይህ አዲስና ከፍተኛ ለውጥን ያስከተለ ስልት የባንክ አገልግሎትን ወደፊት የሚያስገሰግስ ነው።

እስቲ ያስቡት - ከጓደኛዎ ጋር እራትን ስለ መጋራት መልዕክት ሲልኩና በቻፓግራም አማካኝነት ወዲያውኑ ገንዘብ መላላክ ሲችሉ!

ወይም ከደንበኛዎ ጋር ስለ ሥራ እያወጉ ክፍያ መላክ ቢፈልጉ ንግግርዎ ሳይቋረጥ ጥቂት ቅደም ተከተሎችን ዘልቀው ወዳልተቋጨ ንግግርዎ ሲመለሱ!

ወይም ወንድምዎ ከውጭ ሀገር ማስተር ካርድና ቪዛ ካርድ በመጠቀም በቴሌግራም ሲልክልዎ፤ የዚህን ያህል ቀላል ነው!

ኮፕ-ቻፓግራም:

  • ከኮፔ ኢ- ብር ዋሌትዎ በተጨማሪ ከአዋሽ ብር ፣ ክሲቢኢ ብርና ቴሌ ብር ዋሌትዎ በቀጥታ ክፍያዎችን መላክና መቀበል
  • ፈጣንና ቀላል የገንዘብ ቅብብሎሽን ለማስቻል QR ኮዶችን ስካን ማድረግ
  • ከሌሎች ጋር ክፍያዎችን ለማጋራት
  • እዛው በዛው የሞባይል አየር ሰዓት መሙላትና ሌሎችን ንግግርዎ ሳይስተጓጎል ይከውናል።

የምን መተግበሪያ? የምን ውጣ ውረድ? ቴሌግራም ተጠቃሚ ከሆኑ ይመችዎት!

የኦሮሚያ ኅብረት ሥራ ባንክ የዲጂታል ባንኪንግ አገልግሎትን የበለጠ ለማጠናከር አዳዲስ ቴክኖሎጂዎችን እያቀረበ ነው።

ከዚህ ቀደም ከነበረው በተለየ በባንክ ለመገልገል ይዘጋጁ!

ኮፕ-ቻፓግራም ክፍያዎችን ያመጣል፤ በጫወታ መሀል ትውስ ሲልዎ ለሚያወጉት ወገን በቀጥታ ያደርሳል!

ነገ ቀርቧል - የወጉንና የባንኩን አውድ አንድ ለማድረግ ዝግጁ ነዎት?

ይህንን መስፈንጠሪያ ጠቅ ያድርጉ …