Waamicha Yaa’ii Ariifachiisaa 11ffaa Abbootii Aksiyoonaa fi Yaa’ii Waliigalaa Idilee 20ffaa Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa (W.A)
Maxxansaalee gaazexoota Addis Zamanii Sadaasa 13 fi 19 akkasumas Rippoortaraa Sadaasa 15 fi 22 bara 2017 akka labsametti, akkaataa Seera
Daldalaa R.F.D.I keewwata 366(1), 367(1) fi keewwata 370 akkasumas Barreeffama Hundeeffamaa baankichaa keewwata 17(1) fi 18(1) tti Baankiin
Hojii Gamtaa Oromiyaa(W.A) Yaa’ii Ariifachiisaa 11ffaa Abbootii Aksiyoonaa fi Yaa’ii Waliigalaa Idilee 20ffaa Sanbata Mudde 12, 2017 ganama
sa’aatii 2 irraa kaasee magaalaa Adaamaa, Galma Abbaa Gadaatti ni teessisa. Kanaafuu, kabajamtootni abbootii aksiyoonaa waldaa aksiyoonichaa,
yookaan bakka bu’ootni seera qabeeyyin, iddoo guyyaa fi sa’aatii eerametti akka nuuf argamtan Boordiin Daayrektarootaa
Baankichaa waamicha isiniif godheera
- Ragaalee ijoo waldicha ilaalan:
Maqaa waldichaa: Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa(W.A)
Akaakuu waldichaa: Waldaa aksiyoonaa hojii baankii irratti argamu,
Teessoo waajjira muummee waldaa aksiyoonichaa: Finfinnee, Kutaa Magaalaa Boolee, Aanaa 02, Lakk. Manaa Haaraa,
Marsariitii Baankichaa: https://www.coopbankoromia.com.et
Lakk. Galmee Waldaa Aksiyoonichaa: KK/AA/3/0001918/2004
Maallaqni Waldaa Aksiyoonichaa /Kaappitaala/ waliigalaan Mallattaa’e: 12,800,000,000.00
Maallaqa Waldaa Aksiyoonichaa /kaappitaala/ waliigalaan kaffalame: 11,253,744,600.00
2. Ajandaawwan Yaa’ii Waliigalaa Ariifachiisaa 11ffaa
2.1 Barreeffama Hundeeffamaa baankichaa fooyyessuuf yaada murtoof dhiyaate irratti mari’achuun murteessuu,
3. Ajandaawwan Yaa’ii Waliigalaa Idilee Waggaa 20ffaa
3.1 ALA Mudde 1/2023 hanga Sadaasa 30/2024tti dabarsa aksiyoonaa taasifamanii fi baay’ina abbootii aksiyoonaa raggaasisuu,
3.2 Imaammataa fi hojimaata raawwii eerinsaa fi filannoo miseensota boordii daayrektarootaa mari’atanii raggaasisuu,
3.3 Koree eerinsaa fi filannoo miseensota boordii daayrektarootaa yeroof tajaajilu filuu,
3.4 Gabaasa Waggaa Boordii Daayrektarootaa kan bara 2023/24 ALA dhaggeeffachuu fi mari’atanii murteessuu,
3.5 Gabaasa Waggaa Odiitaroota Alaa baankichaa kan bara 2023/24 ALA dhaggeeffachuu fi mari’atanii murteessuu,
3.6 Odiitaroota keessaa bara 2023/24 ALA muuduu fi kaffaltii isaanii murteessuu,
3.7 Filannoo miseensota boordii daayreektarootaa taasisuu.
3.8 Ramaddii bu’aa qulqulluu fi kaffaltii bara herreegaa ALA 2023/24 irratti mari’atanii murteessuu,
3.9 Kaffaltii waggaa Boordii Daayrektarootaa ALA bara 2023/24 fi durgoo ji’aa bara 2024/25 murteessuu,
4. Hubachiisa
4.1. Abbootiin aksiyoonaa yaa’ii kana irratti argamuu hin dandeenye, bakka bu’ootni isaanii ragaa bakka bu’iinsaa qaama mootummaa aangoo qabuun mirkanaa’ee kenname, orijinaalaa fi koppii qabachuun ykn akkaataa Seera Daldalaa keewwata 377n yaa’iin adeemsifamuun guyyaa sadii(3) dura Waajjira Muummee baankichaa, magaalaa Finfinnee Daandii Afriikaa, naannoo maqa Imbaasii Ruwaandaatti argamu darbii 7ffaa Kutaa Bulchiinsa Aksiyoonaatti ykn damee baankichaa isaanitti dhihoo jirutti qaamaan argamuun, unka bakka bu’iinsaa dhimma kanaaf baankichaan qophaa’e guutanii mallatteessuun bakka bu’aa muuduu fi bakka bu’aanis ragaa bakka bu’iinsaa qabachuun yaa’ii irratti hirmaachuu fi sagalee kennuu kan dandeessan ta’uu kabajaan ibsina. Haata’u malee, abbaan aksiyoonaa tokko yaa’ii waliigalaa waldichaaf dandeettii kamiinuu kan bakka buusuu danda’u nama tokko qofa ta’uu ni beeksisna.
4.2. Abbootiin aksiyoonaa waldaa aksiyoonichaa ykn bakka bu’ootni seera qabeeyyiin, yaa’icha irratti hirmaachuuf yommuu dhufan, lammummaan Itoophiyaa ta’uu isaanii kan ibsu Waraqaa Eenyummaa ykn Paaspoortii ykn Hayyama Konkolaachisummaa, orijinaalaa fi koppii isaa qabachuun yaa’icha irratti hirmaachuu ni danda’u. Akkasumas, abbootii aksiyoonaa dhalattoota Itoophiyaa lammummaa biyya alaa qaban, dhalootaan Itoophiyaa ta’uu isaanii kan mirkaneessu, waraqaa eenyummaa/kaardii keelloo/ yeroon isaa irra hin dabarre, qabatanii dhiyaachuu kan qaban ta’uu kabajaan ibsina.
4.3 Bakka bu’aan dhaabbata, (Waldaa Hojii Gamtaa ykn dhaabbata biroo) bakka bu’ee, dhiyaatu, hojii gaggeessaaa dhaabbatichaa / waldichaa ta’uu ragaa mirkaneessu qabatee dhiyaachuu ykn uunka bakka bu’iinsaa baankichaan, bakka bu’iinsa kenname qabatee dhiyaachuu kan qabu ta’uu kabajaan ibsina.
4.4 Akkaataa qajeelfama bulchiinsa baankolee Baankii Biyyoolessaa Itoophiyaa Lakk. SBB/91/2024 keewwata 20(3)n miseensotni boordii baankichaa fi hojjattootni baankichaa abbootii aksiyoonaa bakka bu’uun yaa’icha irratti hirmaachuu hin danda’an.
4.5 Hangi bakka bu’iinsaa bakka bu’ootni fudhatan, kan isaanii dabalatee kaappitaala baankichaa mallattaa’e dhibbentaa kudhan caaluu hin qabu.
Boordii DaayrektarootaaBaankii Hojii Gamtaa Oromiyaa (W.A)