Wixinee Barreeffama Hundeeffamaa Baankichaa Fooyyessuuf Dhiyaate.
- Sababa fooyya’iinsaa
Baankiin Biyyoolessaa Itiyoophiyaa riifoormii seeraa fi to’annoo Waxabajjii bara 2016 taasiseen qajeelfamoota baankonni jijjiirrama hojmaataa fi bulchiinsaa akka taasisan dirqisiisan baasee jira. Keessattuu gurmaa’insa, ittigaafatamummaa fi gahee hojii boordii baankii fi qaamota bulchiinsaa baankii keessatti hirmaatanii ilaalchisee jijjiirrama bal’aa taasisee jira. Kanaafuu, barreeffama hundeeffamaa baankichaa jijjiirramoota dhufan waliin bifa wal simuun fooyyessuun barbaachisaa ta’ee waan argameef wixineen fooyya’iinsaa armaan gadii kun dhiyaatee jira.
- Keewwatoota Fooyya’an
1) Keewwata 21: Walitti Bu’iinsa Dantaa
Fooyya’iinsa taasifame- Keewwatni xiqqaa haaraan armaan gadii dabalamee jira.
‘‘7. Baankichi bu’uura seera raawwatiinsa qabuutiin galmee walitti bu’iinsa dantaa irratti galmeessu ni qabaata.’’
2) Keewwata 23: Aangoo fi Gahee Hojii Yaa’ii Waliigalaa Idilee
Fooyya’iinsa taasifame- Barreeffama hundeeffamaa keewwata 23(d) fi (e) irratti fooyya’iinsi armaan gadii taasifamee jira.
‘‘d) Poolisii fi Qajeelfama adeemsa hojmaata eeruu fi filannoo miseensota boordii, boordii daarektarootaatiin qopha’ee dhiyaateef ni mirkaneessa, ni fooyyessa.
“e) Guyyaa yaa’ii waliigalaa filannoon miseensota boordii daarektarotaa itti gaggeeffamu irratti Miseensota Koree Yeroo Eeruu fi Filachiistuu Boordii, adeemsa filannoo boordii raawwachisu filachuun, korichi akka hundeeffamu ni taasisa.’’
3) Keewwata 26: Boordii Daayrektarootaa
Fooyya’iinsa taasifame- Keewwatoota xiqqaa 26(1) fi 26(6) irratti fooyya’iinsi armaan gadii taasifamee jira.
- Baankichi boordii daayrektarootaa tokko, miseensota yaa’ii waliigalaa idileetiin filataman kudha lama (12) of keesssa qabu, tokkummaan hojii isaanii gaggeessanii fi bakka bu’oota baankichaa ta’aniin hogganama.
- Boordichi walitti qabaa fi itti aanaa walitti qabaa miseensota isaa keessaa ni filata; akkasumas koreewwan hojii isaatiif barbaachisoo ta’an bu’uura seera raawwatiinsa qabuutiin ni hundeessa.’’
4) Keewwata 28: Gurmaa’insa Boordii Daayrektarootaa
Fooyya’iinsa taasifame- Keewwatoota xiqqaa 1 fi 2 irratti fooyya’iinsi kan taasifame yoo ta’u, keewwanni xiqqaan 3 barreeffama hundeeffamaa keessaa akka bahu taasifamee jira. Dabalataan, keewwatoonni xiqqaan haaraan sadi (3) dabalamanii jiru.
- ‘’Boordiin daayrektarootaa baankichaa miseensota abbootii aksiyoonaa, hojii gaggeessaa olaanaa fi itti aantota hojii gaggeessaa olaanaa dabalatee hojjattoota baankichaa, fi kaadhimamtoota walabaa keessaa daayrektaroota filataman ni hammata.
- Boordiin daarektarootaa baankichaa sadarkaa guddinaa, ulfaatina hojii fi saaxilamummaa balaa baankichaa (Risk Profile) haala madaaluun, beekumsaa fi ogummaa gara garaa hojichi barbaadu haala ilaalcha keessa galcheen, akkasumas hirmaachisaa bifa taheen gurmaa’uu qaba. Ogummaa fi beekumsi hojichaaf barbaachisu kunnen baankiingii, faayinaansii, qabiinsa herreegaa, bulchiinsa, qor-diinagdee (economics), seera, bulchiinsa daldalaa, odiitii, teeknolojii odeeffannoo, bulchiinsa inveestmantii fi ogummaa itti fufiinsaa (sustainability) kan dabalatu taha.
- Boordiin daayrektaroota baankichaa:
- Daayrektaroota 4 (afur) abbootii aksiyoonaa dhiibbaa uumtota hin taane eeramanii fi filataman,
- Daayrektaroota 4 (afur) abbootii aksiyoonaa hundaan eeramanii fi filataman, fi
- Daayrektaroota walabaa 4 (afur) boordii daayrektarootaa hojiirra jiruun calalamuun dhiyaatanii fi abbootii aksiyoonaa hundaan filataman haammachuun ni gurmaa’a.
- Gurmaa’insi boordii daayrektaroota baankichaa bakka bu’ummaa koorniyaa kan mirkaneessu ta’uu qaba; bu’uuruma kanaan miseensota waliigalaa boordii daayrektaroota baankichaa keessaa yoo xiqqaate lama (2) dubartoota ta’uu qabu.
- Hojii gaggeessa olaanaa fi itti aantota hojii gaggeessaa olaanaa dabalatee yoo baay’ate hojjattootni baankichaa lama (2) miseensummaa boorditiif filatamuu danda’u. Haa ta’u malee barreessaan baankichaa miseensa boordii ta’uun filatamuu hin danda’u.
5) Keewwata 29: Aangoo fi Gehee Hojii Boordii Daayrektarootaa
Fooyya’iinsa taasifame- Keewwanni xiqqaan 29(11) keewwattoota xiqqaa lamatti kan adda bahe yoo tahu, keewwattoota xiqqaa (12), (16) (19) fi (23) irratti fooyya’iinsi taasifamee jira; akkasumas keewwatoonni xiqqaan haaraan afur(4) dabalamanii jiru.
‘’11. Muudama, ramaddii fi hojiirraa gaggeeffamuu itti aantota hojii gaggeessaa olaanaa irratti yaada murtoo koreen eeruu fi kaffaltii hojii (Nomination and Remuneration Committee) boordii dhiyeessurratti hundaa’un ni murteessa.
- Muudama, ramaddii fi hojiirraa gaggeeffamuu barreessaa baankichaa irratti yaada murtoo hojii gaggeessaa olaanaan baankichaa dhiyeessurratti hundaa’un ni murteessa.
- Koreewwan yeroo fi dhaabbii itti gaafatamummaa isaa haalaan bahuuf isa barbaachisan bu’uura seera raawwatiinsa qabuutin ni hundeessa; sirnaan hojjechuu isaaniis ni mirkaneessa.
17.Poolisii fi Qajeelfama adeemsa hojmaata eeruu fi filannoo miseensota boordii daayreektarootaa ifa ta’e qopheessuun akka ragga’uuf yaa’ii waliigalaa idileetiif ni dhiyeessa.
20.Aangoon yaa’ii waliigalaa idilee barreeffama hundeeffamaa kana keewwata 23(3)(h) jalatti tumame akkuma jirutti ta’ee, bu’uura seera raawwatiinsa qabuu fi qajeelfama baankii biyyoolessaatiin waliigalteen baankichaa fi namoota yookiin dhaabbilee baankicha waliin hidhata qaban gidduutti taasifamu waliigaltichi raawwatamuu isaatiin dura ni hayyama; erga hayyamee boodas battalatti odiitaroota alaa ni beeksisa.
23.Itti gaafatamummaa hawaasummaa isaa baahachuuf deeggarsa meeshaalee ykn maallaqaa baankichi taasisu irratti ni murteessa, barbaachisaa tahee yoo argames baankichi Faawundeeshinii bifa itti fufiinsa qabuun itti gaafatamummaa hawaasummaa isaa bahachuuf isa dandeessisu hundeessuuf yaada murtee dhiyaatu irratti ni murteessa.’’
Aangoo fi Gahee Hojii Boordii Daarektarootaa Akka Haaraatti Dabalaman
24.Baankichi kubbaaniyaawwan moggee (subsidiary company) hojiilee faayinaansii adda addaa fi isaan hidhata qaban irratti fuulleffachuun hojjetan hundeessuuf yadaa murtee dhiyaatu irratti ni murteessa.
- Qajeeltoowwan naamusaa fi duudhaalee baankichaa (corporate culture and value) ni boca, qaama baankichaa dhimmi ilaallatu beeksisuun hojiirra akka oolan ni taasisa,
- Tarkaanfiwwan baankichi yaaddowan balaafii carraawwan itti fufiinsaan wal qabatan (sustainability-related risks and opportunities) ilaachisee fudhatu fi akkasumas gama kanaan gahee fi itti gaafatamummaa hoggansi olaanaa baankichaa qabu ifatti ni kaa’a, ni too’ata,
- Walitti dhufeenya qooda fudhattoonni baankicha waliin qabanii fi adeemsa isaa ni to’ata; akkasumas yaadotaa fi sodaawwan qooda fudhattoota irraa ka’an tarsiimoo baankichaa keessatti haammatamuu isaanii ni mirkaneessa’’
6) Keewwata 30: Walitti Qabaa Boordii Daayrektarootaa
Fooyya’iinsa taasifame- keewwatoonni xiqqaan haaraan lama (keewwatoota xiqqaa 2 fi 3) kan dabalaman yoo tahu, keewwatoonni xiqqaan 3 fi 4 keewwata xiqqaa 4 jalatti akka hammataman taasifamee jira.
2.”Walitti qabaa boordii baankichaa ta’uun filatamu kan danda’u daayrektara abbaa aksiyoonaa ta’edha. Daayrektarri hojjataa keessaa filatamee fi daayirektarri walabaa walitti qabaa boordii ta’ee filatamuu hin danda’u.
- Namni waldaa/dhaabbata mirgi namummaa seeraan kennameef bakka bu’uun miseensa boordii ta’e walitti qabaa boordii ta’ee filatamuu ni danda’a. Haa ta’u malee, bakka bu’aan kun itti gaafatamummaa isaa yoo dhiise yookiin haalli itti gaafatamummaa isaan itti fufuuf isa hin dandeessisne yoo uumame, bu’uura barreeffama hundeeffama kana keewwata 28(6)tiin bakka buusaan kanuma barreeffamaan baankicha beeksisuu fi bakka bu’aa biraa bakka buusuuf itti gaafatamummaan irra jiraatu akkuma jirutti ta’ee, namni waldichi/dhaabbatichi bakka buusuun ramadu iddoo walitti qabaa boordii dhaaluuf mirga hin qabaatu. Kanaafuu, boordichi miseensa biraa walitti qabaa Itti gaafatamummaa isaa gadi lakkise bakka bu’u kan filatu ta’a.
- Walitti qabaan Boordii aangoo fi gahee hojii seeraa fi barreeffama hundeeffamaa kanaan kennameef ni qabaata. Ibsi waliigalaa kuni akkuma jirutti ta’ee walitti qabaan itti gaafatamummaa fi gahee hojii armaan gadii ni qabaata:
- Akkaataa bu’aa qabeessummaa baankichaa mirkaneessuun boordii hogganuu qaba.
- Murtiiwwan boordii daayrektarootaa fi yaa’ii waliigalaatiin darban hojiirra oolchuu.
- Ajandaa marii walgahiiwwan boordii daayrektarootaatiif qopheessuu yookiin akka qophaa’u taasisuu, walgahiiwwan boordii waamuu.
- Yaa’ii waliigalaa boordii daayrektarootaatiin waamame dursuu.
7) Keewwata 31: Walgahii fi Murtoo Boordii Daayrektarootaa
Fooyya’iinsa taasifame-Keewwattoota xiqqaa 1 fi 3 irratti fooyya’iinsi kan taasifame yoo ta’u, tumaan keewwata xiqqaa 5 jala ture barreeffama hundeeffamaa keessaa bahee bakka isaa tumaan biraa bakka bu’ee jira.
1.’Boordiin daayrektaroota dambii haala walgahiin boordii ittiin gaggeeffamu baasuu qaba. Boordiin kurmaana waggaatti yoo xiqqaate yeroo tokko guyyaa fi iddoo dambii kana keessatti murtaa’utti walgahii idilee gaggeessuu qaba. Walitti qabaan boordii yeroo barbaachisaa ta’ee argametti walgahii boordii daayrekterootaa kan biroo waamuu ni danda’a.
3.Boordichi walgahii ariifachiisaa viidiyoo koonfransiidhaan yookiin tooftaa qunnamtii elektrooniksii kan biraa fayyadamuun gaggeessuu ni danda’a. Tooftaan qunnamtii elektrooniksiii kun eenyummaa hirmaattotaa adda baasuuf kan dandeessisu, akkasumas hirmaannaa bu’aa qabeessa taasisuu kan dandeessisu, yoo xiqqaate sagalee hirmaattotaa osoo addaan hin kutin kan dabarsu, iccitii eeguuf kan dandeessisuu fi hirmaatttoonni al-tokkotti hirmaachuu akka danda’an kan dandeessisu ta’uu qaba.
- Miseensonni boordii daayrektarootaa qophii gahaa tokkoon tokkoon ajandaa walgahii irratti mari’achuuf isaan dandeessisu taasisuun walgahii irratti argamuu qabu.’’
8) Keewwata 33: Galmee Namoota Baankicha Waliin Hidhata Qabanii
Fooyya’iinsa taasifame- Keewwata xiqqaa 33(2) fi (6) irratti fooyya’iinsi armaan gadii taasifamee jira.
- ‘‘Abbaan manaa yookiin haati manaa namoota uumamaa keewwata kana keewwata xiqqaa 1 jalatti tarreeffamanii yookiin namoota kana waliin bu’uura seera raawwatiinsa qabuun firummaa dhiigaa fi gaa’ilaa namoonni qaban tarree namoota baankicha waliin hidhata qabanii keessatti haammatamu.
- Galmee namoota baankicha waliin hidhata qabaniitti dabalataan baankichi galmee baay’inaa fi gatii aksiyoona tokkoon tokkoon miseensonni boordii abbootii aksiyoonaa keessaa filataman qaban agarsiisu waajjira muummee isaatti ni qabata.’’
9) Keewwata 35: Aangoo fi Gahee Hojii Hoji-Gaggeessaa Olaanaa Baankichaa
Fooyya’iinsa taasifame- Keewwanni 35(6) keewwattoota xiqqaa lamatti hiramuun fooyya’iinsi armaan gadii taasifamee jira.
‘’6. Kaadhimamtoota Itti aantota hojii gaggeessaa olaanaa calaluun muudama isaanii Boordiitti dhiyeessun akka raggasisuuf koree eeruu fi kaffaltii hojii boordiif ni dhiyeessa.
- Barreessaa baankichaa calaluun muudamni isaa akka ragga’uuf boordiif ni dhiyeessa’’
10) Keewwata 37: Aangoo fi Gahee Hojii Barreessaa Baankichaa
Fooyya’iinsa Taasifame- Keewwata xiqqaa 37(8) irratti fooyya’iinsi taasifamee, keewwatoonni haaraa xiqqaan sadi dabalamanii jiru.
‘’8. Galmeewwan abbootii aksiyoonaa, daayrektarootaa, namoota baankii waliin hidhata qabanii fi walitti bu’iiinsa dantaa baankichaa karaa sirriin qindeessuu, sirnaan qabuu fi galmeewwan kunneen odeeffannoo waayitaawaa fi sirrii ta’e qabachuu isaanii mirkaneessuu,’’
Aangoo fi Hojii Dabalataa Barreessaa
- Bulchiinsa gaarii baankichaa fi ulaagaaleen bulchiinsa gaarii guutamuu isaanii itti dhiheenyaan hordofuu,
- Sagantaa walgahiiwwan boordii fi koree qopheessuu,
- Miseensonni boordii leenjii ijaarsa dandeettii bu’aa qabeessa fudhachuu isaanii mirkaneessuu.’’
11) Keewwata 39 (9): Hojii, Itti gaafatamummaa fi Aangoo Odiitaroota Baankichaa
Fooyya’iinsa taasifame- Keewwata xiqqaa 39(9) irratti fooyya’iinsi armaan gadii taasifamee jira.
‘’9. Waliigaltee baankii fi namoota baankicha waliin hidhata qaban gidduutti taasifamu ilaalchisee akkaataa barreeffama hundeeffamaa kana keewwata 23(3(h))tiin, akkasumas bu’uura tumaalee seera daldalaa raawwatiinsa qabaniin murtoo kennuuf akka gargaaruuf haala waliigaltichaa, gosaa fi hanga kaffaltii raawwatamee, akkasumas haala walitti dhiheenya walitti bu’iinsa dantaaf sababa ta’een wal qabatee odeeffannoo gahaa dabaluun gabaasa barreeffamaa yaa’ii waliigalaatiif dhiyeessuu.’’
Dhuma irratti, akkaatuma olitti ibsameen fooyya’iinsi tokkoon tokkoon keewwattootaa irratti taasifame akkuma jirutti ta’ee, fooyya’iinsi godhame wal duraa duuba keewwatoota xiqqaa irratti jijjiirama hordofsiise ilaalchisee, yaa’insa yaadaa bifa eeggateenii fi walitti hidhata isaanii bifa ilaalcha keessa galcheen sirreeffamni barbaachisaan tartiiba isaanii irratti taasifamee jira. Bu’uuruma kanaan keewwattoonni 28, 29, 30 fi 37 fooyya’iinsi tartiibaa fi wal jalaa siquun duraa duuba keewwattoota xiqqaa irratti taasifamee jira.