Haasa’a qabattan osoo addaan hin kutin dhimma faayinaansii keessanii kan isiniif si’eessu, Koop-Chaappaagiraamiin isin qaqqabeera.
Tapha eegaltan addaan kuttanii maallaqa namaaf erguuf appilikeeshiniiwwan adda adda keessa seenuun hafeera, maaltu isin rakkise!
Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa bifa tajaajila baankii jijjiiree, Koop-Chaappaagiraamii hojiirra oolchuun isa jalqabaa ta’eera.
Tooftaa haaraan kun tajaajila baankii gara fuulduraatti tarkaanfachiisuu irratti argama.
Mee tilmaamaa – hiriyaa keessan waliin waa’ee irbaata wal affeeruu ergaa waliif ergitanii, battalumatti karaa Koop-Chaappaagiraamiin maallaqa erguun yommuu danda’amu!
Yookaan ammoo, maamila waliin waa’ee hojii osoo haasoftanii kaffaltii erguun yoo isin barbaachise, haasa’a keessan osoo addaan hin kutin sekondii muraasa keessatti yommuu xumurtan!
Yookaanis, obboleessi keessan biyya alaa irraa MasterCard fi Visa card fayyadamuun telegiraama irratti maallaqa yommuu isiniif ergu … Hamma kana salphaadha!
Koop-Chaappaagiraamiin:
- Waaleetii Kooppeey i-birriin cinaatti waaleetota Awaashi Birrii, Siibi’ii Birrii fi Teelee Birrii irraa kaffaltii kallattiin erguu fi fudhachuu,
- Koodii QR scan gochuun maallaqa saffisaan dabarsuu,
- Kaffaltii namoota biroo waliin qooddachuu,
- Kaardii mobaayilaa achumaan guuttattanii gara haasa’a keessaniitti akka deebitaanii fi kanneen biroo salphumatti akka raawwattan isin dandeessisa.
Appilikeeshiniiwwan kan biroo faana bu’aa ba’iin hin barbaachisu; Telegiraama fayyadamuu qofti gahaadha.
Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa tajaajila baankii dijitaalaa daran cimsuuf teknoolojiiwwan haaraa fayyadamtootaaf dhiyeessuu irratti argama.
Tajaajila baankii armaan dura turerraa addatti tajaajilamuuf of qopheessaa!
Haasa’a keessan gidduutti waa’ee kaffaltii yommuu yaadattan, Koop-Chaappaagiraam kaffaltii keessan fidee kallattumaan isiniif geessa.
Guyyaan boruu as dhiyaateera – tapha eegaltanii fi tajaajila baankii iddoo tokkotti xumuruuf qophooftanii?
Liinkii kana cuqaasaa …