Michuu Tooftaa Liqii Dijitaalawaa

Michuun Maali?

Michuun tooftaa tajaajila liqii dijitaalawaa ga’umsa maamilli liqii kaffalachuuf qabu irratti bu’uureffatee, Intarpiraayzota Maaykiroo Xixiqqaa fi Giddugaleessaaf dhiyaate dha. Tooftaan kenna liqii kun, liqeessitoonni liqii kana kennuuf hoormaa jiru irratti hundaa’uun akka murteeffatan kan gargaaruu fi intarpiraayzichi guddachuuf humna qabuu fi hoormaa jiru sakatta’a. Michuun Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa danqaawwan kenniinsa liqii Intarpiraayzota Maaykiroo, Xixiqqaa fi Giddugaleessaa waliin walqabachuun hubatamanii fi qabatamaan mul’atan akka irra aanu dandeessisa.

Michuun maaliif barbaachise?

Dhaabbileen faaynaansii Itoophiyaa keessatti argaman, wabummaa liqii gaafachuu irraan kan hafe, liqiif ga’umsa qabaachuu Intarpiraayzota Maaykiroo, Xixiqqaa fi Giddugaleessaa tooftaa dijitaalawaa ittiin madaalan hojiirra hin oolchine. Gama biraatiin dhaabbileen Intarpiraayzii Maaykiroo, Xixiqqaa fi Giddugaleessaa baankolee irraa liqii argachuuf qabeenya wabummaan dhiyeeffatan kan hin horanne waan ta’aniif, haalli kun, adda durummaan dhabiisa wabummaa liqii fi teknoloojii barbaachisaa ta’e hordofsiisuu isaarrayyuu, diinagdee dijitaalawaa waliin hidhata uumuu akka hin dandeenye taasisee jira.
Michuun Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa, fedhii faaynaansii Intarpiraayzota Maaykiroo, Xixiqqaa fi Giddugaleessaa wabummaa liqii malee guutuun, deebii argachuuf adeemsa yeroo torban lamaa sadii fudhataa ture yeroo daqiiqaan lakkaa’amutti gabaabsuun, humna xiqqaan hedduu akka hojjatan dandeessisuun, firii qabeessummaan maamiltootaa akka dabalu godha.

Madaallii liqii saffisaa

Adeemsa iyyannoo liqii jalqabsiisuun gamaggama taasisuuf ragaaleen garagaraa hojiirra oolu. Haata’u malee burqaawwan odeeffannoo dijitaalawaa murtoowwan liqii eeruuf faayidaarra oolu. Eertuuwwan kun walitti idaa’amuun murtoo kompiwtaraan deeggarame kennuun, adeemsa murtoo namaan kennamu bakka bu’u.

Michuu maaltu adda godha?

Adeemsa iyyannoo salphaa

Odeeffannoo dhugaa irratti hundaa’ee fi adeemsa sadarkaa isaa eeggate dhiyeessuun, Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa qulqullina fooyya’aan murtee liqaa waaltawaa fi saffisaa kennuu isa dandeessisa. Michuun gufuuwwan fageenya lafaa fi dirqama qaamaan dhiyaachuu maamilaa maqsuun, liqeeffataan yeroo barbaadetti iddoo jiruu iyyata liqii dhiyeeffachuun akka danda’u hayyamuun, liqeeffataan unkaa guutuun ragaalee barbaachisoo akka galfateen, tooftaa liqii kana irraa hatattamaan murtee argachuu ni danda’a.



Tooftaa madaallii liqii gabaabaa

Kun garaagarummaa ijoo kenniinsa liqii idilee fi Michuu gidduu jiru isa biraati. Hojimaata kenniinsa liqii baankii biyyattii, adeemsa liqii idileen raawwachiisuun maallaqa dhiyeessuuf yeroo torban lamaa sadii, yeroo tokko tokko ji’ootas fudhachuu ni danda’a. Liqeessitoonni dijitaalawaa garuu, adeemsa iyyannoo liqii daqiiqaalee muraasa keessatti saffisiisuun sakandiiwwan muraasatti maallaqa herreega keessanitti galchuu ni danda’a, keessattuu fedhii maallaqaa isin qabdan guutuuf yeroo liqaa saffisaa barbaaddanitti kan isa gitu hin jiru.

Hanga liqii xiqqaa argamsiisuu

Hojimaanni tooftaalee liqiiwwan Michuu, maallaqa xiqqaa kan liqeessuu fi yeroo gabaabaaf kan turu waan ta’eefis tajaajilawwan liqii idilee irraa garaagarummaa bu’uuraa qaba.


Bulchiinsa qunnamtii maamiltoota halaalaa

Sochiiwwan liqii kanaan walqabatan kan raawwataman karaa dijitaalawaan waan ta’eef, tooftaa liqii dijitaalawaan liqeessaa fi liqeeffataan carraan qaamaan wal arguuf qaban xiqqaa dha. Hordoffii fi walittiqabiisa kaffaltii dijitaalawaan, halaalaa maamiltootaaf hordoffii ni godha. Liqiin dijitaalawaa tajaajilawwan liqii baraman irratti, gufuuwwan sababa fageenyaatiin uumamaa turan maqsuun, argama tajaajila faaynaansii ni dabala.


Murtee liqii humna kaffaltii irratti hundaaye

Haalli liqiin michuu itti hayyamamu, humna kaffaltii maamilaa irratti hundaa’a. Hangi kaffaltii, turtii fi hangi dhalaa kan murtaa’u humna kaffaluuf qabuuni. Humni liqii kaffaluuf maamilli qabu yeroo dabalu, hangi liqii kennamuu fi dheerinni yeroo kaffaltii yommuu dabalu, hangi dhalaa ni hir’ata.

Liqii wabummaa irraa bilisaa

Liqiin Michuu wabummaa liqii gosa kamiyyuu kan hin gaafanne dha. Haala kenniinsa liqii idilee irraa adda ta’een, ga’uumsi argannaa liqii Intarpiraayzota Maaykiroo, Xixiqqaa fi Giddugaleessaa kan murtaa’u matayyummaadhaani.

Liqii Hojii Daldalaa Michuu

Liqiin hojii daldalaa Michuu kan akeekameef Intarpiraayzota Maaykiroo, Xixiqqaa fi Giddugaleessaa hojii irra jiran,daldala harkaa qaban itti fufsiisuuf deeggarsi maallaqaa isaan barbaachisuufi. Tajaajilli isaa kan hojii irra oole waan ta’eef, fayyadamoo ta’uuf dameelee Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa isinitti dhiyoo jiran quunnamaa.

Qabxiilee ijoo liqii hojii daldalaa Michuu
  •  Hangi liqii Qar.5,000- 50,000
  •  Yeroo turtii liqii ji’a 1- ji’a 12
  • Hangi dhalaa ji’atti dhibbentaa 2- 2.5
  • Kaffaltii raawwii hojii dhibbentaa 2, /liqaa hayyamame qofa irratti kan herregamu/

Intarpiraayzota Maaykiroo, Xixiqqaa fi Giddugaleessaa qabeenya waloo

  •  Bilbila simaartii andirooyid
  • Herreega BHGO
  • Hayyama daldalaa haaromfame
  • Lakkoofsa Addaa Kaffalaa Gibiraa maqaa dhaabbataan ykn maqaa miseensotaan argamu
  • Waraqaa eenyummaa haaromfame/Kan Hoji-gaggeessaa
  • Barreeffama hundeeffamaa fi Seera ittiin bulmaataa

Liqii Fayyadamtootaa Michuu

Liqiin fayyadamtootaa Michuu hojjattoota dhaabbilee mootummaa fi miti-mootummaaf kan akeekame yommuu ta’u, jireenya guyyuu keessatti fedhii faaynaansii hojjattootaa kan qaqqabuu dha. Liqiin kun adeemsi isaa akka xumurameen, bilbila ismaartii qabattan irratti manatti/biirootti bakka jirtanitti kan qaqqabu, tooftaa liqii filatamaa dha. Kana malees yeroo muddamaa fi rakkina dhuunfaa kanneen biroof maamiltoota dhaqqaba.

Adeemsa Iyyannoo Liqii

Liqii Michuuf iyyannoo dhiyeeffachuuf tartiiba kanatti aanu hordofaa:

Appilikeeshinii isaa qabaadhaa

Adeemsa iyyannoo jalqabuuf dame Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa isinitti dhiyoo jiru dubbisaa

Gaaffii liqii

Appilikeeshinicha irratti galmooftanii jennaan liqii gaafachuu ni dandeessu

Ergaa firii xiinxala gaaffii liqii

Gaaffiin liqii qaama murtee dabarsuun erga mirkanaayee booda ni baaksifama

Liqiif galmaa’uu

Appilikeeshinii erga qabaattaniin booda dhaabbata keessanii fi odeeffannoo dhuunfaa galmeessifadhaa

Xiinxala gaaffii liqii

Gaaffiin liqii tokkicha ergamnaan qaamni dhimmi ilaalu keessa hubatee mirkaneessa

Raawwii kaffaltii

Tartiibni inni xumuraa dame Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa tokko irraa ykn karaa tajaajila baankii mobaayilaa maallaqa fudhachuu dha.