
Michuu:Liqii Dijitaalaa Intarpiraayizoota Maayikiroofi Xixiqqaa Itoophiyaa humneessu!
Baga Gara Liqii Dijitaalaa Michuu kan fedhii daldala keessanii hubatuu fi guddina keessan deeggarutti Nagaan Dhuftan. Hojii daldala xiqqaa, Hoji-uumaa kaka’umsa guddaa qabu, ykn Itarpiraayizoota Maayikiroofi Xixiqqaa hundeeffame yoo ta’e, Akka isin guddattaniif kan isin gargaaru, Michuun isiniif jira. Waa’ee bu’aabayii gaaffii qabsiisaa fi Mirkaneessa gaaffii liqii nagaa itti dhaamaa; Dhimmi faayinaansii keessan dhawata muraasa qofa.
Appilikeeshinii Michuu Ammuma buufadhaa!
Liqii Hojii Daldala Keessaniif Mijeeffame
Karaa Michuu, deggersi faaynaansii hundaaf akka dhaqqabu gochuutti amanna. Kanaafidha fedhii hojii daldala biyya keenyaarratti hundaa’uun kan nuti oomishawwan adda addaa gosa sadii kan bocne:
Oomishni kun, dhaabbilee giddu galeeyyii kaappitaala fooyya’aa barbaadaniif fayyada.
Michuu Wabiin, Hojii bal’ifachuuf, bittaa meeshaaleef ykn daldala bal'isuuf Liqii Qarshii 50,000 hanga 100,000 ni kenna.
Hojiiwwan daldala xixiqqaa fi daldaltoota daandii irratti karaa al-kallattiin hojjetan dabalatee, liqii Qarshii 5,000 hanga 15,000 ni kenna. Eyyama daldalaa hin qabdanii? Rakkoo hin qabu; Nuti waraqaa osoo hin taane dandeettii keessan irratti xiyyeeffanna.
Dubartoota daldaltoota humneessuuf kan qophaa’e ta’ee, liqii hanga Qarshii 30,000 kaffaltii tajaajilaa gad-aanaa fi adeemsa salphaan kennamu Kun, dubartoota hawaasa isaanii keessatti hojjetanii jijjiirama fidaa jiran akkaataa itti deggarruudha.
Akkaataa Itti Fayyadamaa
Michuun, guutummaatti dijitaalawaa waan ta'eef, maallaqa isin barbaachisu argachuuf baay’ee salphaa fi mijataadha.
Akkaataan itti fayyadamaa kunooti:
Appilikeeshinii Michuu buufadhaa!
Pilaatfoormiiwwan bebbeekamoo irratti kan argamu yoo ta'u, Appilikeeshiniin keenya kun karaa ittiin salphaamatti faaynaansii isin barbaachisu argachuu dandeessaniidha.
Galmaa'aa!
Pirofaayila keessan uummadhaa; Lakkoofsa Herrega Baankii keessanii waliin walitti hidhaa; Waa'ee daldala keessanii odeeffanoowwan bu'uuraa tokko tokko kennaa.
Liqii Keessan Fudhaadhaa!
Maallaqa isin barbaachisu yeroo gaafattan, battalumatti eyyama argattu. Maallaqni gaafattanis kallattiin gara lakkoofsa herrega baankii keessaniitti kan darbu yoo ta’u, itti fayyadamuu qofaaf qophaa’aa.
Itti Fufaa Milkaa’aa!
Akkuma liqii keessan yeroon deebiftaniin, sirni 'Michu’s AI-powered', hammi humna liqeeffannaa keessanii ulaagaa guutuu waliin ni dabala; Kanaanis, tarkaanfii hunda irratti daldalli keessan akka guddatu gargaara.
Jireenya Jijjiiruu, Tokko tokkoon
Michuun, Daldatoota Intarpiraayizii Maayikiroo fi Xixiqqaa Miliyoona 1.3 ol ta’an deggarauudhaan, guutuu Itoophiyaa keessatti dhiibbaa qabatamaa uumaa jira.
Waan Jedhe Guutuuf Kan Onnate
Michuun bu’uuraalee dambii hunda keessatti akeekkatee kan hojjetu yoo ta’u, muuxannoo liqii amansiisaa fi mijataa maamiltoota keenyaaf mirkaneessa.
Gaaffiiwwan Irra Deddeebiin Gaafataman
Lakkii, Michuu Guyyaan daldaltoota eyyama hin baafatiniifis kan qophaa’e waan ta’eef eyyamni daldalaa dirqama miti.
Battaluma gaafatametti kan kennamu yoo ta’u, maallaqnis kallattiimaan Lakkoofsa herrega baankii keessanitti galfama.
Liqii keessan yoo yeroon deebistan, gaaffii liqii gara fuula duraatiifi hammi liqii maallaqa fudhachuu dandeessanii ni dabala, galata sistama AI, isumatu ofiin mijeessa.
Daldalli keessan dagaaguun isaaf mala; kana gochuufimmoo, Michuun isiniif jira.
Appilikeeshinii Michuu ammuma buufadhaatii, tarkaanfii jalqabaa galma faaynaansii keessaniif barbaachisu ammuma fudhadhaa!
Baay’ee Saffisaa, Salphaa, akkasumas, haala keessan yaada keessa galchuun kan qophaa’eedha.