Blog

Kabajamtoota maamiltoota keenya,

Akka dhaabbata faayinaansii tokkootti, maamiltoonni keenya waa’ee maallaqa isaanii murtoo sirrii ta’e akka murteessan gargaaruuf yoomiyyuu kutannoo qabna. Qaala’iinsi jireenyaa yaad-rimee namoota hedduu burjaajessuu danda’u waan ta’eef, dhiibbaa inni geessisu namni kamiyyuu hubachuun barbaachisaadha.

  • Qaala’iinsi jireenyaa maali?

Qaala’iinsi jireenyaa uumame kan jedhamu, gatiin waliigalaa meeshaalee fi tajaajilawwan adda addaa irratti haala hin baratamneen yeroo dheeraaf yoo dabaledha. Kunis, sababoota kanneen akka hammi maallaqaa gabaarra socho’u fi baasiin oomishaa ol ka’uu, akkasumas fedhiin namootaa meeshaalee fi tajaajilawwan adda addaaf qaban dabaluu irraa kan ka’e ta’uu danda’a.

  • Qusannoo irratti dhiibbaa akkamii qaba?

Haala yeroo irratti hundaa’uun, qaala’iinsi humna bittaa maallaqaa hir’isa. Kana jechuun, hammi maallaqaa of harkaa qabnu gara fuulduraatti waan har’a bituu danda’uu gadi bita jechuudha. Kanaafuu, dhiibbaa qaala’iinsi jireenyaa qusannoo fi invastimantii irratti qabu dursinee hubachuun barbaachisaa dha.

  • Qaala’iinsa jireenyaa irraa dandamachuuf maal gochuutu isinirraa eegama?

Maamiltoonni keenya akka qusatan yommuu jajjabeessinu, qaala’iinsi jireenyaa qusannoo isaanii irratti dhiibbaa inni geessisuu danda’us akka hubatan ni barbaanna.

Qaala’iinsa jireenyaa irraa dandamachuuf, qabxiiwwan isin gargaaruu danda’an keessaa muraasni:

  1. Baasii keessan too’achuu: Yeroo qaala’iinsa jireenyaa gatiin garmalee dabaluu waan danda’uuf, baasii keessan sirreessuun barbaachisaadha. Wantoota dirqama isin hin barbaachisne hir’istanii, waan isin barbaachisu qofarratti xiyyeeffachuu qabdu.
  2. Amala qusannaa gabbifachuu: Namoonni waan qaban irraa qusatan, warra hin qusanne waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu, maallaqaan wal qabatee waan karoorfatan galmaan ga’uuf carraan isaanii guddaadha. Hanga danda’ametti, “xiqqaadha” jettanii osoo hin tuffatin yoo qusattan, baasii yeroo hatattamaaf isin barbaachisu salphaatti raawwachuu dandeessu.
  3. Bittaa eessaa akka raawwachuu qabdan adda baafachuu: Meeshaalee fi tajaajiloota adda addaa yeroo bitattan, iddoo gatiin hir’isu barbaaduu qabdu. Baay’inaan bitachuunis gatii hir’isuu irratti gahee waan qabuuf, qaama gurguru waliin waliigaltee taasisuun isin gargaara.
  4. Madda galii keessanii guddisuu: Galiin keessan qaala’iinsa jireenyaa waliin wal hin simu yoo ta’e, haalli jireenyaa ulfaachuu danda’a. Karaalee galii keessan ittiin guddistan, kan akka hojii dabalataa hojjechuu irratti xiyyeeffannoodhaan yaaduu qabdu.
  5. Maallaqa keessan qabeenya dhaabbataarra oolchuu: Qabeenyi dhaabbataan kan akka lafaa fi gamoo yeroo qaala’iinsa jireenyaa keessatti gatii gaarii qabaachuu danda’a. Kanaafuu, maallaqa keessan qabeenyawwan akkasiirra yoo oolchitan, gatiin maallaqa keessanii gara fuulduraatti akka gadi hin buuneef isin gargaara. Haa ta’u malee, hojiin invastimantii kamiyyuu balaa hin yaadamne qabaachuu akka danda’u hubachuun, gara invastimantiitti galuun dura gorsa ogeessaa argachuun barbaachisaadha.

Xumura irratti, yeroo qaala’iinsa jireenyaa baasiif ofeeggannoo taasisuu, waan qabdan irraa qusachuu fi karaa galii dabalataa ittiin argachuu dandeessan barbaaduun akka isinirraa eegamu hubachuun barbaachisaadha.

 


Understanding the Impact of Inflation on Your Savings

Dear Valued Customers

As a financial institution, our priority is to help our customers make informed decisions about their money. One concept that can be particularly challenging to understand is inflation. However, it’s crucial for everyone to be aware of its impact on their savings and investments.

What is Inflation?

Inflation is a sustained increase in the general price level of goods and services in an economy over time. Several factors can cause inflation, including an increase in the money supply, rising production costs, and higher demand for goods and services.

How Does Inflation Affect Your Savings?

Inflation decreases the purchasing power of your savings over time. This means that the same amount of money you save today will buy fewer goods and services in the future. Therefore, it’s essential to be aware of how inflation can impact your savings and investments.

Tips to Protect Your Savings During Inflationary Periods

Control Your Expenses: During inflationary periods, prices tend to rise, which means you may need to adjust your spending habits. Consider cutting back on non-essential expenses and focus on buying only what you need.

Develop Habits of Saving: Saving regularly is an excellent way to achieve your financial goals and have a greater sense of financial security compared to those who do not save. Saving any amount of money will help you during emergency cases.

Shop Around for the Best Deals: When buying goods and services, it’s essential to look for the best deals. Look for discounts, promotions, and special offers, and consider buying in bulk to save money.

Diversify Your Income: If your income does not keep up with inflation, your standard of living will decrease. Consider finding ways to increase your income, such as taking on a side job or negotiating a raise.

Consider Investing in Property Assets: Property assets, such as land, buildings, and other physical assets, tend to perform well during inflationary periods. Investing in these assets can help protect the value of your money. However, investing always comes with risks, so it’s essential to seek professional advice before making any investment decisions.

In Conclusion

Protecting your money during inflationary periods is all about being mindful of your spending habits, saving regularly, and finding ways to earn extra income. By following these tips, you can protect your savings and investments and achieve your financial goals.

 

We hope you found this information helpful. If you have any questions or concerns, please don’t hesitate to contact us.