Day: January 2, 2025

Yaa'ii Ariifachiisaa 11ffaa fi Yaa'ii Waliigalaa 20ffaan Abbootii Aksiyoonaa – Mudde 19, 2017

Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa, Yaa'ii Ariifachiisaa 11ffaa fi Yaa'ii Waliigalaa 20ffaa Abbootii Aksiyoonaa, Magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti gaggeesse.
Taatee guddaa fi seena qabeessi kun, abbootii aksiyoonaa, hoggansa baankichaa fi qooda fudhattoota kan walitti fidee fi egeree gaarii bocuuf bu’uura kan kaa’eedha.

       
Yaa’icharrattis, Gabaasa raawwii hojii baankichaa kan bara bajataa 2023/24 Dura Taa’aan Boordii Daayrektarootaa baankichaa Dr. Fiqruu Deeksisaan dhiyeessaniiru.

   
Haaluma kanaan, Baankichi xumura bara bajataa 2023/24 tti:

Olkaawwannaa (Deposit) dhaan qarshii biiliyoona 117.15tti gaheera.
Liqiin Sektaroota diinagdee garaa garaatiif baankichaan kennamee jiru Qarshii biiliyoona 99.40 gaheera.
Galii waliigalaa qarshii biiliyoona 19.03 sassaabuun, bu'aa gibira duraa qarshii biiliyoona 2.51 argateera.
Tajaajilawwan fedhii hawaasaa bu’uureffatee fi dhaqqabamaa ta’e dhiyeessuun baay'ina maamiloota isaa miiliyoona 13.34tti ol guddisuudhaan, baankichi baay’ina maamilaatiin baankolee dhuunfaa keessaa adda durummaasaa mirkaneesseera.
Gama Kaappitaala Aksiyoonaatiin, qarshii biiliyoona 11.16 kaffalameera.
Dameewwan dabalataa haaraa banuudhaan, walumaagalatti baay’inni dameelee baankichaa xumura bara bajatichaatti 758 qaqqabeera.
Gama dijitaalummaatiinis, dhaqqababummaasaa daran babal’isuun lakkoofsi daddabarsa (Transaction) karaa dijitaalaa waliigalaa miiliyoona 489.5 yoo ta'u, qarshiin tiriiliyoona 1.36 ittiin sochoofameera.
Toorawwan daldalaa Maayikiroo, Xixiqqaa fi Intarpiraayizoota jajjabeessuuf, karaa liqii dijitaalaa MICHUU tiin maamiltoota kuma 110 ta'aniif qarshii biiliyooma 4 ol kennuudhaan guddina diinagdee walootiif shoora guddaa taphateera.


Ijaarsa Gamoo Adaamaa Jalqabsiisuu – Mudde 19, 2017

Baankiin Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa ijaarsa Gamoo Adaamaa ifatti jalqabsiise.

Gamoon kun, ijaarsa ammayyaawaa fi dheerinaanis abbaa darbii 13 akkasumas beezimantii 3 qabu ta’ee akka magaalattiitti sadarkaa 1ffaa kan ta’uudha.
Kunis, akka Pirojektii addaa jijjiiramaa fi guddina agarsiisu yoo ta’uu,sirna kana irratti abbootiin aksiyoonaa, miseensotni boordii fi hoggantoota garaa garaa dabalatee keessummootni kabajaa kan argaman yoo ta’u, imala milkaa’ina baankichaa keessatti tarkaanfii isa guddaadha.

   


Kabaja Guyyaa Waldaalee Hojii Gamtaa – Mudde 18, 2017

Baankiin Waldaa Hojii Gamtaa Oromiyaa, Mudde 18, 2017 A.L.I tti, Guyyaa Waldaalee Hojii Gamtaa 6ffaa kabajuun, gahee baankichi waldaalee hojii gamtaa deeggaruu fi guddina hawaas-dinagdee keessatti qabu olaanaa akka ta’e mirkaneesseera. Hoji-geggeessaa olaanaan baankichaa obbo Darribee Asfaawus, Tarsiimoo hojii haaraa baankichi hojiirra oolchee fi ittiinis jireenya hawaasaa jijjiiraa jiru ibsuun, gama Waldaalee Hojii Gamtaa cimsuutiinis, baankichi ga’ee isaa bahachuu fi egeree bareedaa uumuurratti akka argamu dubbataniiru.

               

Hoji gaggeessaa baankichaa dabalatee, haasaa kaka’umsaa hoggantootni humna jijjiirama waldaalee hojii gamtaa hedduun taasisaniiru.
Mariin paanaalii haala waldaalee hojii gamtaa cimsuu bu’uureffate adeemsifameera.
Badhaasa fi beekamtii onnachiisaan, waldaalee hojii gamtaa fakkeenyummaa qabaniif kennameera.
Ayyaanichi, baankichi qaama waldaalee hojii gamtaa akka ta’ee fi jireenya hawaasaa hundeerraa jijjiiruuf of kennuu isaa kan mirkaneesseedha.