Day: May 16, 2023

Kooppeey I-birri: - Boba’aa guuttachuuf sirna kaffaltii dijitaalawaa dorgomaa hin qabne

Addunyaan dijitaalawaa ta’aa dhufuun industiriiwwan baay’een sirna kaffaltii fayyadama maallaqa callaa irraa bilisa ta’eetti akka ce’an dirqisiisanii jiru. Tooftaan kaffaltii dijitaalawaa maamiltoonni maallaqa callaa malee bittaa boba’aa raawwachuu kan isaan dandeessisu yoo ta’u, yeroo qusachuu qofa osoo hin taane balaa saamichaas ni hir’isa.

Kooppeey I-birri Maaliif filatamaa?

Kooppeey I-birri maamiltoonni bilbila harkaa qabaniin fayyadamuun kaffaltii  bittaa boba’aa raawwachuu kan dandeessisu sirna kaffaltii dijitaalawaati. Maamiltoonni Kooppeey I-birri fayyadamuu isaanitiif sababoonni heddu yommuu jiraatan, isaan keessaa ijoon kan armaan gadiiti.

Salphaa: - Kooppeey I-birri  fayyadamni isaa daran salphaa yommuu ta’u maamiltoonni herreega isaanii walquunnamsiisuun kaffaltii isaanii salphumatti raawwachuu danda’u.

Saffisaa: - Kooppeey I-birri kan yeroo qusatu waan ta’eef battalumatti ykn sakandii muraasa keessatti maamiltoonni kaffaltii raawwachuu danda’u.

Mijataa: - Kooppeey I-birri maamiltoonni herreega baankii fi waaleetii isaanii lamaanuu appilikeeshinii mobaayilaa tokko irratti fayyadamuu danda’u.

Amansiisaa: - Kooppeey I-birri akka waliigalaatti nageenya amansiisaa kan qabu yoo ta’u, odeeffannoon faayinaansii maamiltootaa eegumsa qaba.

Kooppeey I-birri fayyadamuun boba’aa guuttachuuf adeemsa armaan gadii hordofaa:

  1. Appilikeeshinii Kooppeey I-birri Appistoori ykn Googilpileey irraa buufadhaa,
  2. Herreega Kooppeey I-birri banachuuf dameelee BHGO isinitti dhihoo jiru deemuun ykn *841# irratti bilbiluun ofumaan galmaa’aa,
  3. Buufata boba’aa yommuu geessan akka Kooppeey I-birriin kaffalattan hojjataa buufata boba’aa beeksisaa,
  4. Kaffaltiin  keessan hojjataa buufata boba’aatiin ni qophaa’a,
  5. Hanga kaffaltii mirkaneessuun kaffaltii keessan raawwadhaa.

Baankolee dhuunfaa biyyattii keessatti socho'an, sadarkaa olaanaa irratti kan argaman keessaa tokko kan ta’e Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaatiin kan dhiyaate appilikeeshinii Kooppeey I-birri buufachuun fayyadamuun tooftaa salphaan yeroo gabaabaa keessatti boba'aa kaffaladhaa.

Bu’aa ba’ii boba’aa guuttachuun walqabate maqsuun haala jireenyaa salphifadhaa!

Boba’aa guuttachuun, Kooppeey I-birriini!