Yaa’ii Ariifachiisaa 11ffaa fi Yaa’ii Waliigalaa 20ffaan Abbootii Aksiyoonaa – Mudde 19, 2017
Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa, Yaa’ii Ariifachiisaa 11ffaa fi Yaa’ii Waliigalaa 20ffaa Abbootii Aksiyoonaa, Magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti gaggeesse.
Taatee guddaa fi seena qabeessi kun, abbootii aksiyoonaa, hoggansa baankichaa fi qooda fudhattoota kan walitti fidee fi egeree gaarii bocuuf bu’uura kan kaa’eedha.
Yaa’icharrattis, Gabaasa raawwii hojii baankichaa kan bara bajataa 2023/24 Dura Taa’aan Boordii Daayrektarootaa baankichaa Dr. Fiqruu Deeksisaan dhiyeessaniiru.
Haaluma kanaan, Baankichi xumura bara bajataa 2023/24 tti:
Olkaawwannaa (Deposit) dhaan qarshii biiliyoona 117.15tti gaheera.
Liqiin Sektaroota diinagdee garaa garaatiif baankichaan kennamee jiru Qarshii biiliyoona 99.40 gaheera.
Galii waliigalaa qarshii biiliyoona 19.03 sassaabuun, bu’aa gibira duraa qarshii biiliyoona 2.51 argateera.
Tajaajilawwan fedhii hawaasaa bu’uureffatee fi dhaqqabamaa ta’e dhiyeessuun baay’ina maamiloota isaa miiliyoona 13.34tti ol guddisuudhaan, baankichi baay’ina maamilaatiin baankolee dhuunfaa keessaa adda durummaasaa mirkaneesseera.
Gama Kaappitaala Aksiyoonaatiin, qarshii biiliyoona 11.16 kaffalameera.
Dameewwan dabalataa haaraa banuudhaan, walumaagalatti baay’inni dameelee baankichaa xumura bara bajatichaatti 758 qaqqabeera.
Gama dijitaalummaatiinis, dhaqqababummaasaa daran babal’isuun lakkoofsi daddabarsa (Transaction) karaa dijitaalaa waliigalaa miiliyoona 489.5 yoo ta’u, qarshiin tiriiliyoona 1.36 ittiin sochoofameera.
Toorawwan daldalaa Maayikiroo, Xixiqqaa fi Intarpiraayizoota jajjabeessuuf, karaa liqii dijitaalaa MICHUU tiin maamiltoota kuma 110 ta’aniif qarshii biiliyooma 4 ol kennuudhaan guddina diinagdee walootiif shoora guddaa taphateera.