Abbootii Aksiyoonaa Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa(W.A) naamusaa fi ulaagaalee eeriinsaa fi filannoo miseensota boordii beeksisuu
Akka maxxansaalee gaazexaa Addis Zamanii fi Ripportaraa Sadaasa 8, bara 2017 irratti Ibsametti, akkaataa qajeelfama bulchiinsa baankolee Baankii Biyyoolessaa Itoophiyaa Lakk. SBB/91/2024 Keewwata 9.3tti ulaagaalee eerinsaa fi filannoo miseensota boordii yaa’ii waliigalaa filannoon irratti taasifamu ji’a tokkoon dura abbootii aksiyoonaaf akka ibsamuu qabu ajaja/tuma. Akkaataa qajeelfamichaa keewwata 9.4tti ammo naamusni eeriinsaas guyyaa yaa’ichaatiin dura abbootii aksiyoonaaf ibsamuu qaba. Akkaataa qajeelfama kanaan, imaammataa fi pirosiijara baankichaatiin, boordiin daayrektarootaa baankichaa, abbootii aksiyoonaa baankichaa, hojjattootaa fi kaadhimamtoota bilisaafi walitti dhiheenya hin qabne keessaa daayrektaroota filataman irraa hundaa’a. Haaluma kanaan naamusnii fi ulaagaaleen eerinsaa fi filannoon miseensota boordii baankichaa akka armaan gaditti kan dhiyaate yommuu ta’u, abbootiin aksiyoonaa yaa’ii waliigalaa idilee waggaa 20ffaa Mudde 12, 2017 taa’amu irratti argamuun, miseensota boordii ulaagaalee barbaachisoo guutanii fi gahumsa qaban akka eeranii fi filatan waamicha keenya dhiheessina.
- Miseensa boordii daayrektarootaa baankichaa ta’uun filatamuuf ulaagaaleen kaadhimamtoonni guutuu qaban:
1.1. Ulaagaa Waliigalaa
Namni miseensa boordii baankichaa ta’ee filamuuf eeramu, seerota raawwatamoo ta’an, qajeelfamoota Baankii Biyyoolessaa fi damboota keessoo baankichaa irratti ulaagaalee madaallii gahumsaa fi fudhatamaa kaa’aman, (fitness and propriety criteria) guutuu qaba.
1.2. Ulaagaalee bal’inaan
Abbaan aksiyoonaa dhuunfaattis ta’ee waldaalee yookaan dhaabbilee qaamni seerummaa kennameef bakka bu’ee miseensummaa boordii baankichaatiif abbaan aksiyoonaa eeramu, akkasumas hojjataa fi kaadhimamaan bilisaa fi walitti dhufeenya hin qabne, (Independent Directors) ulaagaalee kana guutuu qaba.
- Amanamaa, kan haqaan bulu, hojii irratti cimaa, maqaa gaarii kan qabu, malaa maluun, amanamuu diduun, ibsa herreegaa dharaa dhiyeessuunii fi akkaataa seera raawwatamuu danda’uuni fi yakka miseensummaa boordiif gahumsa akka hin qabaanne taasisuun, balleessaadha jedhamee kan itti hin muramne.
- Sababa kisaaraatiin qabeenyi isaa idaa bakka buusuuf kan jalaa hin fudhatamne, liqii baankii kaffaluu dadhabuun kan qabeenyi jalaa hin gurguramne, dhaabbanni inni hoogganu, yookaan kan daayrektarummaan gaggeessu liqii dhaabbilee faaynaansii irraa liqeeffate kaffaluu dhabuun liqiin isaa gara sadarkaa liqii hin milkoofnetti kan duraa hin ceene.
- Galaan/maallaqni gahaan odoo hin jiraatiin cheekii kennee herreegni kan jalaa hin cufamne akkasumas gibira kaffaluu diduun himatamee balleessaa ta’uun kan itti hin mirkanoofne.
- Ittigaafatama isaa haala gaariin bahuuf yeroo gahaa kan qabu.
- Yaada ofii bilisaan kan ibsatu fi dhimmoota walitti bu’iinsa faayidaa uumuu danda’an kan maqsu.
- Dhaabbilee lakkoofsaan afurii ol ta’aan keessatti daayrektarummaa boordiin kan hojjachaa hin jirree fi dhaaba faaynaansii kan biraa keessatti miseensummaa boordiin yookaan hojjataa ta’uun kan tajaajilaa hin jirre.
- Umuriin isaa waggaa 30 gadi kan hin taane waggaa70 kan hin caalle.
1.3.Abbootii aksiyoonaa baankichaa, Hojii Raawwachiisaa Olaanaa baankii fi itti aantota Hojii Raawwachiistota Olaanoo baankichaa fi hojjattoota keessaa kan kaadhimamtoota eeramaniif ulaagaalee dabalataa kaa’aman
Olitti Lakk. 1.1 fi 1.2 jalatti kan kaa’amanitti dabalataan kaadhimamaan abbaa aksiyoonaa yookaan hojjataa ta’e tokko:
- Sadarkaa barnootaa dhaabbata barumsaa beekamaa irraa yoo xiqqaate digrii jalqabaa fi kan isa gitu kan qabuu fi toora ogummaa hojichaaf barbaachisummaa qabu(baankii yookaan faaynaansii, bulchiinsa riiskii, qabiisa herregaa, bulchiinsa hojii daldalaa, Ikonomiksii, seera, hojii odiitii, teknoloojii odeeffannoo, bulchiinsa investimantii, sastenebilitii fi ogummaa wal fakkaatuun muuxannoo yoo xiqqaate waggaa 7 gadi hin taane qabu, fi
- Yaa’ii filannoon irratti taasifamu dura waggoota lama baankichatti abbaa aksiyoonummaan kan galmaa’ee ture ta’uu qabaata.
1.4. Daayrektaroota kaadhimamoo bilisaa fi walitti dhufeenya hin qabne
Akkaataa qajeelfama bulchiinsa baankolee, Baankii Biyyoolessaatti boordiin hojiirra jiru qajeelfama keewwata 2.9n akkasumas Lakk. qajeelfamaa SBB/89/2024 keewwata 2.8 fi 5.1.2 jalatti ulaagaalee tarreeffamaniin kaadhimamtoota boordii bilisaa fi walitti dhufeenya hin qabne adda baasuun tartiiba isaanii koree eerinsaa fi filachiistuu yeroodhaaf hundaa’eetti kan dabarsu yommuu ta’u, koreen ammo tartiiba kana yaa’iitti dhiheessee, filannoon daayrektarootaa ni taasifama. Namni lammummaan Itoophiyaa hin taane daayrektara bilisaa fi walitti dhufeenya hin qabne ta’ee filatamuu ni danda’a.
- Naamusa eeruu miseensota boordii
2.1. Koree yeroodhaaf hundeessuun
yaa’ii waliigalaa filannoon miseensota boordii irratti taasifamu irratti ajandaa jalqabaa kan ta’u, adeemsi eeruu fi filannoo otoo hin jalqabamin dura, adeemsa isaa kan gaggeessuu fi kan qindeessu koree eeruu fi filannoo miseensota boordii hundeessuudha. Koreen kan hundaa’u akkaataa qajeelfama Baankii Biyyoolessaa keessa taa’een miseensota koree yaa’ichaan filuun ta’a.
2.2. Naamusni eerinsaa
adeemsa eeruu fi naamusa miseensota boordii waliin walqabatee, qabxiileen ijoo armaan gadii ilaalcha keessa galuu qabaatu.
- Miseensonni boordii abbootii aksiyoonaa dhiibbaa uumuu hin dandeenyeen eeramanii, abbootii aksiyoonaa kanaan filataman, abbootii aksiyoonaa hundaan eeramanii abbootii aksiyoonaa hundaan kan filataman, akkasumas boordichaan eeramanii abbootii aksiyoonaa hundaan kan filataman kaadhimamtoonni daayrektaroota bilisaa fi walitti dhufeenya hin qabne ta’u.
- Eerinsa kaadhimamtoota bilisaa fi walitti dhufeenya hin qabne, otoo hin dabalatiin, eerinsii fi filannoon kan taasifamu gaafa yaa’ichaa ta’a.
- Abbaan aaksiyoonaa baankichaa, ofii isaa yookaan abbootii aksiyoonaa biroo fi hojjattoota kaadhimamummaa miseensummaa boordiif eeruu ni danda’a.
- Koreen eerinsaa fi filannoo miseensota boordii yeroodhaaf hundaa’u miseensummaa boordiif nama eeruu hin danda’u.
- Yommuu eerumsi taasifamu, boordichi saala, sadarkaa barumsaa fi muuxannoon hojii haala wal madaaluun wal keessa makamuu akka qabu ilaalcha keessa galchuu qabaata.
- Abbootiin aksiyoonaa sadarkaa barnootaa, muuxannoo hojii fi dhimmoota biraa nama dhuunfaa yookaan nama dhaabbata qaama seerummaa qabu bakka bu’uun eeran, kan ilaaluun ragaa sirrii fi gahaa ta’e kennuu qabu.
Hubachiisa፡
- Olitti saala dhiiraatiin kan ibsame dubartiidhaafis ni tajaajila,
- Miseensota boordii waliigalaa keessaa yoo xiqqaate lama dubartoota ta’uu qabu.