Waamicha Yaa’ii Waliigalaa Idilee Waggaa 21ffaa fi Yaa’ii Ariifachiisaa 12ffaa Abbootii Aksiyoonaa
Akkaataa Seera Daldalaa F.D.R.I Keeyyata 366(1), 367(1)fi keeyyata 370 akkasumas Barreeffama Hundeeffamaa baankichaa keeyyata 17(1) fi 18(1), Yaa’ii Waliigalaa Idilee Waggaa 21ffaa fi Yaa’ii Ariifachiisaa 12ffaa Abbootii aksiyoonaa, sanbata Onkololeessa 22,2018(ALA, November 01/2025) sa’aa 2:00 irraa kaasee magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti ni taa’ama. Kanaafuu kabajamtoonni abbootii aksiyoonaa waldaa aksiyoonichaa yookaan bakka bu’oonni isaanii iddoo, guyyaa fi sa’aatii eerametti yaa’icha irratti akka argamtan Boordiin Daayrektaroota Baankichaa waamicha isaa dabarsa.
- Ragaalee Waldicha ilaallatan
- Maqaa Waldaa Aksiyoonichaa፡ Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa W.A.
- Akaakuu Waldaa Aksiyoonaa፡ Waldaa Aksiyoonaa hojii baankii irratti bobba’e
- Teessoo Waajjira Muummee Waldaa Aksiyoonichaa፡ Finfinnee,Kutaa Magaalaa Boolee, Aanaa 02,Lakk. Manaa-Haaraa
- Marsariitii Waldaa Aksiyoonichaa፡ https://coopbankoromia.com
- Lakkoofsa galmee Waldaa Aksiyoonichaa: KK/AA/3/0001918/2004
- Kaappitaala Waldaa Aksiyoonichaa mallattaaye: 12,800,000,000.00
- Kaappitaala Waldaa Aksiyoonichaa kaffalame፡ 11,899,321,100.00
2.Ajandaawwan Yaa’ii Waliigalaa Idilee Waggaa 21ffaa
- ALA Mudde 01/2024 kaasee hanga Fulbaana 30/2025 dabarsa aksiyoonaa taasifaman mirkaneessuu;
- ALA Gabaasa Waggaa Boordii Daayrektarootaa 2024/25 dhaggeeffachuun mari’atanii murteessuu;
- ALA Gabaasa Waggaa Odiitaroota Alaa 2024/25 dhaggeeffachuun mari’atanii murteessuu;
- ALA 2025/26f Oditaroota Alaa muuduun kaffaltii isaanii murteessuu;
- Ramaddii fi Kaffaltii bu’aa qulqulluu bara bajataa/herregaa ALA 2024/25 irratti mari’atanii murteessuu;
- Kaffaltii Boordii Daayrektarootaa ALA kan bara 2024/25 fi durgoo ji’aa kan bara 2025/26 murteessuu;
3. Ajandaawwan Yaa’ii Waliigalaa Ariifachiisaa 12ffaa
3.1 Kaappitaala baankichaa guddisuuf yaada murtoo dhiyaate irratti mari’atanii murteessuu;
3.2 Barreeffama Hundeeffamaa Baankichaa fooyyeessuu.
Hubachiisa
- Abbootiin aksiyoonaa yaa’icha irratti argamuu hin dandeenye, raga bakka bu’iinsaa qaama mootummaa aangoo qabuun mirkanaa’ee kenname orijinaalaa fi koppii isaa qabachuun ykn akkaataa Seera Daldalaa keeyyata 377 yaa’iin taa’amuun dura guyyaa sadii(3)dursuun, Finfinnee, Boolee naannoo maqa Embaasii Ruwaandaatti kan argamu Waajjira Muummee baankichaa darbii 7ffaa kutaa Bulchiinsa Aksiyoonaa ykn dame baankichaa isaanitti dhihoo jirutti qaamaan dhihaachuun unkaa bakka bu’iinsaa dhimmi kanaaf baankichaan qophaa’e guutuun mallatteessuun bakka bu’aa muuduun, bakka bu’aan raga bakka bu’iinsaa qabachuun yaa’icha irratti hirmaachuu fi sagalee kennuu kan danda’an ta’uu kabajaan ibsina. Haata’u malee abbaan aksiyoonaa tokko yaa’ii waliigalaa waldichaaf karaa kamiinuu haa ta’u kan bakka buufachuu danda’u nama tokko qofa ta’uu isaa ni beeksisna.
- Abbootiin aksiyoonaa Waldaan aksiyoonichaa ykn bakka bu’oonni seeraa yaa’icha irratti hirmaachuuf yommuu dhufan, waraqaa eenyummaa biyyoolessaa (Fayidaa)lammummaa Itoophiyaa qabaachuu isaanii agarsiisu, waraqaa eenymmaa gandaa haaromfame ykn Paaspoortii ykn Hayyama Konkolaachisummaa orijinaalaa fi koppii isaa qabachuun yaa’ii irratti hirmaachuu ni danda’u. Akkasumas abbootiin aksiyoonaa baankichaa, dhalootaan Itoophiyaa ta’aniilammummaa biyya alaa qaban dhalootaan Itoophiyaa ta’uu isaanii kan mirkaneessu, kaardii dhalattummaa Itoophiyaa(Kaardii Keelloo)yeroon isaa hin dabarre qabatanii dhihaachuu akka qaban kabajaan beeksisna.
- Dhaabbilee(Waldaalee Hojii Gamtaa ykn dhaabbata biraa)bakka bu’uun bakka bu’oonni dhihaatan, ragaa hoji-gaggeessaa waldichaa/dhaabbatichaa ta’uu isaanii mirkaneessu qabatanii dhihaachuu kan qaban ta’uu ykn unkaa bakka bu’iinsaa baankichaan bakka bu’iinsa kenname qabatanii dhihaachuu kan qaban ta’uu kabajaan beeksisna.
- Akkaataa Qajeelfama Bulchiinsa Baankolee Baankii Biyyoolessaa Itoophiyaa Lakk. SBB/91/2024 keeyyata 20(3)miseensonni boordii baankichaa fi hojjattoonni baankichaa abbootii aksiyoonaa bakka bu’uun yaa’icha irratti hirmaachuu hin danda’ani.
- Hangi bakka bu’iinsaa bakka bu’oonni fudhatan, aksiyoona isaanii dabalatee kaappitaala baankichaa mallattaa’e dhibbentaa 10 caaluu hin qabu.
Boordii Daayrektarootaa
Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa W.A.