Day: September 21, 2026
Waamicha Yaa’ii Waliigalaa Idilee Waggaa 22ffaa Abbootii Aksiyoonaa Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa W.A.
Akkaataa Seera Daldalaa F.D.R.I Keeyyata 366(1), 367(1)fi keeyyata 370 akkasumas Barreeffama Hundeeffamaa baankichaa keeyyata 17(1) fi 18(1), Yaa’ii Waliigalaa Idilee Waggaa 22ffaa Abbootii aksiyoonaa, sanbata Onkololeessa 7,2019(ALA, October 17,2026) sa’aa 2:00 irraa kaasee magaalaa Adaamaa Galma Abbaa Gadaatti ni taa’ama. Kanaafuu kabajamtoonni abbootii aksiyoonaa waldaa aksiyoonichaa yookaan bakka bu’oonni seeraa, iddoo, guyyaa fi sa’aatii eerametti yaa’icha irratti akka argamtan Boordiin Daayrektaroota Baankichaa waamicha isaa dabarsa.
1.Ragaalee ijoo waldicha ilaallatan
1.1 Maqaa Waldaa Aksiyoonichaa፡ Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa W.A.
1.2 Akaakuu Waldaa Aksiyoonaa፡ Waldaa Aksiyoonaa hojii baankii irratti bobba’e
1.3 Teessoo Waajjira Muummee Waldaa Aksiyoonichaa፡ Finfinnee, K/ Magaalaa Boolee,
Aanaa 02, Lakk. Manaa 3020
1.4 Marsariitii Waldaa Aksiyoonichaa፡ https://coopbankoromia.com.et
1.5 Lakkoofsa galmee Waldaa Aksiyoonichaa: KK/AA/3/0001918/2004
1.6 Kaappitaala Waldaa Aksiyoonichaa mallattaaye: 12,800,000,000.00
1.7 Kaappitaala Waldaa Aksiyoonichaa kaffalame፡ 12,800,000,000.0
2.Ajandaawwan Yaa’ii Waliigalaa Idilee Waggaa 22ffaa
2.1 Ajandaawwan Yaa’ichaa mirkaneessuu;
2.2 Abbootii Aksiyoonaa haaraa fudhachuu fi dabarsa aksiyoonaa beeksisuu;
2.3 ALA Gabaasa Waggaa Boordii Daayrektarootaa 2025/26 dhaggeeffachuun mari’atanii murteessuu;
2.4 ALA Gabaasa Waggaa Odiitaroota Alaa 2025/26 dhaggeeffachuun mari’atanii murteessuu;
2.5 ALA bara 2026/27f Oditaroota Alaa muuduun kaffaltii isaanii murteessuu;
2.6 Kaffaltii waggaa Boordii Daayrektarootaa ALA kan bara 2025/26 fi durgoo ji’aa kan bara 2026/27 murteessuu;
2.7 Ramaddii fi Kaffaltii bu’aa qulqulluu bara bajataa/herregaa ALA 2025/26 irratti mari’atanii murteessuu;
Hubachiisa
- Abbootiin aksiyoonaa yaa’icha irratti argamuu hin dandeenye, ragaa bakka bu’iinsaa qaama mootummaa aangoo qabuun mirkanaa’ee kenname orijinaalaa fi koppii isaa qabachuun ykn akkaataa Seera Daldalaa keeyyata 377 yaa’iin taa’amuun dura guyyaa sadii(3)dursuun, Magaalaa Finfinnee, K/Magaalaa Boolee naannoo maqa Embaasii Ruwaandaatti kan argamu Waajjira Muummee baankichaa darbii 7ffaa kutaa Hariiroo Abbootii Aksiyoonaa ykn damee baankichaa isaanitti dhihoo jirutti qaamaan dhihaachuun unkaa bakka bu’iinsaa dhimma kanaaf baankichaan qophaa’e guutuun mallatteessuun bakka bu’aa muuduun, bakka bu’aanis ragaa bakka bu’iinsaa qabachuun yaa’icha irratti hirmaachuu fi sagalee kennuu kan danda’an ta’uu kabajaan ibsina. Haata’u malee abbaan aksiyoonaa tokko yaa’ii waliigalaa waldichaaf karaa kamiinuu haa ta’u kan bakka buufachuu danda’u nama tokko qofa ta’uu isaa ni beeksisna.
- Abbootiin aksiyoonaa Waldaa aksiyoonichaa ykn bakka bu’oonni seeraa, yaa’icha irratti hirmaachuuf yommuu dhufan, waraqaa eenyummaa biyyoolessaa (Fayidaa)lammummaa Itoophiyaa qabaachuu isaanii agarsiisu, waraqaa eenymmaa gandaa haaromfame ykn Paaspoortii ykn Hayyama Konkolaachisummaa orijinaalaa fi koppii isaa qabachuun yaa’ii irratti hirmaachuu ni danda’u. Akkasumas abbootiin aksiyoonaa baankichaa, dhalootaan Itoophiyaa ta’anii lammummaa biyya alaa qaban, dhalootaan Itoophiyaa ta’uu isaanii kan mirkaneessu, kaardii dhalattummaa Itoophiyaa(Kaardii Keelloo)yeroon isaa hin dabarre qabatanii dhihaachuu akka qaban kabajaan beeksisna.
- Dhaabbilee(Waldaalee Hojii Gamtaa ykn dhaabbata biraa)bakka bu’uun bakka bu’oonni dhihaatan, ragaa hoji-gaggeessaa waldichaa/dhaabbatichaa ta’uu isaanii mirkaneessu qabatanii dhihaachuu kan qaban ta’uu ykn unkaa bakka bu’iinsaa baankichaan bakka bu’iinsa kenname qabatanii dhihaachuu kan qaban ta’uu kabajaan beeksisna.
- Akkaataa Qajeelfama Bulchiinsa Baankolee Baankii Biyyoolessaa Itoophiyaa Lakk. SBB/91/2024 keeyyata 20(3)miseensonni boordii baankichaa fi hojjattoonni baankichaa abbootii aksiyoonaa bakka bu’uun yaa’icha irratti hirmaachuu hin danda’ani.
- Hangi bakka bu’iinsaa bakka bu’oonni fudhatan, aksiyoona isaanii dabalatee kaappitaala baankichaa mallattaa’e dhibbentaa 10 caaluu hin qabu.
Boordii Daayrektarootaa
Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa W.A.
የኦሮሚያ ኅብረት ሥራ ባንክ አ.ማ. የባለአክሲዮኖች 22ኛ መደበኛ ጠቅላላ ጉባኤ የጉባኤ ጥሪ
በኢ.ፌ.ዲ.ሪ ንግድ ሕግ አንቀጽ 366(1)፣ 367(1) እና አንቀጽ 370 እንዲሁም በባንኩ መመሥረቻ ፅሑፍ አንቀፅ 17(1) እና 18(1) መሠረት
የኦሮሚያ ኅብረት ሥራ ባንክ አ.ማ. የባለአክሲዮኖች 22ኛ መደበኛ ጠቅላላ ጉባኤ ቅዳሜ ጥቅምት 7 ቀን 2019 ዓ.ም (እ.ኤ.አ ኦክቶበር 17
ቀን 2026) ከጠዋቱ 2፡ዐዐ ሰዓት ጀምሮ በአዳማ ከተማ፣ ገልማ አባ ገዳ ይካሄዳል፡፡ በመሆኑም የተከበራችሁ የአክሲዮን ማህበሩ
ባለአክሲዮኖች ወይም ሕጋዊ ወኪሎች በተጠቀሰው ቦታ፣ ቀንና ሰዓት በጉባኤው ላይ እንድትገኙ የባንኩ የዳይሬክተሮች ቦርድ ጥሪውን
ያስተላልፋል፡፡
1. ማህበሩን የሚመለከቱ ዋና ዋና መረጃዎች
1.1 የአክሲዮን ማህበሩ ስም፡- የኦሮሚያ ኅብረት ሥራ ባንክ አ.ማ.
1.2 የአክሲዮን ማህበሩ ዓይነት፡- በባንክ ሥራ ላይ የተሰማራ አክሲዮን ማህበር
1.3 የአክሲዮን ማህበሩ ዋና መ/ቤት አድራሻ፡- አዲስ አበባ፣ ቦሌ ክ/ከተማ፣ ወረዳ 02፣ የቤ/ቁ. 3020
1.4 የአክሲዮን ማህበሩ ድረ-ገፅ፡- https://.coopbankoromia.com.et
1.5 የአክሲዮን ማህበሩ የምዝገባ ቁጥር:- KK/AA/3/0001918/2004
1.6 የአክሲዮን ማህበሩ የተፈረመ ዋና ገንዘብ(ካፒታል)፡- 12,800,000,000.00
1.7 የአክሲዮን ማህበሩ የተከፈለ ዋና ገንዘብ (ካፒታል) ፡- 12,800,000,000.00
2. የ22ኛ ዓመታዊ መደበኛ ጠቅላላ ጉባኤ አጀንዳዎች
2.1 የጉባዔውን አጀንዳዎች ማጽደቅ፣
2.2 አዳዲስ ባለአክሲዮኖችን መቀበልና የተደረጉ የአክሲዮን ዝውውሮችን ማሳወቅ፣
2.3 እ.ኤ.አ. የ2025/26 የዳይሬክተሮች ቦርድ ዓመታዊ ሪፖርት ማድመጥና ተወያይቶ መወሰን፣
2.4 እ.ኤ.አ. የ2025/26 የባንኩን የውጭ ኦዲተሮች ዓመታዊ ሪፖርት ማድመጥና ተወያይቶ መወሰን፤
2.5 እ.ኤ.አ. ለ2026/27 የውጭ ኦዲተሮችን መሾም እና ክፍያቸውን መወሰን፣
2.6 እ.ኤ.አ. የ2025/26 የዳይሬክተሮች ቦርድ ዓመታዊ ክፍያን እና የ2026/27 ወርሃዊ አበል መወሰን፤
2.7 እ.ኤ.አ. በ2025/26 ሒሳብ ዓመት የተጣራ ትርፍ አደላደል እና አከፋፈል ላይ ተወያይቶ መወሰን፡
ማሳሰቢያ
• በጉባኤው መገኘት የማይችሉ ባለአክሲዮኖች ተወካዮቻቸው ሥልጣን ባለው የመንግሥት አካል ተረጋግጦ የተሰጠ የውክልና ሠነድ ዋናውና ፎቶኮፒ በመያዝ
ወይም በንግድ ሕግ አንቀጽ 377 መሠረት ጉባዔው ከመካሄዱ ከሶስት (3) ቀናት በፊት አዲስ አበባ ከተማ፣ ቦሌ ክ/ከተማ፣ ቦሌ ሩዋንዳ አከባቢ በሚገኘው
የባንኩ ዋና መ/ቤት 7ኛ ፎቅ የባለአክሲዮኖች ግንኙነት ክፍል ወይም በአቅራቢያቸው በሚገኘው የባንኩ ቅርንጫፍ በአካል በመቅረብ ለዚሁ ዓላማ በባንኩ
የተዘጋጀውን የውክልና ቅጽ ሞልተው በመፈረም ተወካይ መሾምና ተወካዩም የውክልና ማስረጃውን በመያዝ የጉባኤው ተካፋይ ለመሆንና ድምጽ ለመስጠት
የሚችሉ መሆኑን በአክብሮት እንገልጻለን፡፡ ሆኖም አንድ ባለአክሲዮን በማህበሩ ጠቅላላ ጉባዔ በማናቸውም ችሎታ መወከል የሚችለው አንድ ሰው ብቻ መሆኑን እናሳውቃለን፡፡
• የአክሲዮን ማህበሩ ባለአክሲዮኖች ወይም ሕጋዊ ወኪሎቻቸው በጉባዔው ላይ ለመሳተፍ ሲመጡ ኢትዮጵያዊ ዜግነታቸውን የሚያሳይ ብሄራዊ መታወቂያ
(ፋይዳ)፣ የታደሰ የቀበሌ መታወቂያ ወይም ፓስፖርት ወይም መንጃ ፍቃድ ዋናውና ኮፒ በመያዝ በጉባዔው ላይ መሳተፍ ይችላሉ:: እንዲሁም ትውልደ
ኢትዮጵያውያን የሆኑ የውጭ ሀገር ዜግነት ያላቸው የባንኩ ባለአክሲዮኖች ትውልደ ኢትዮጵያውያን መሆናቸውን የሚያረጋግጥ ቀኑ ያላለፈበት የኢትዮጵያ
ተወላጅነት መታወቂያ ካርድ (ቢጫ ካርድ) ይዘው መቅረብ ያለባቸው መሆኑን በአክብሮት እናሳውቃለን፡፡
• ድርጅትን (የኅብረት ሥራ ማኅበርን ወይም ሌላ ድርጅትን) ወክሎ የሚቀርብ ተወካይ የድርጅቱ/የማህበሩ ሥራ አስኪያጅ መሆኑን የሚያረጋግጥ ማስረጃ
ይዞ/ይዛ መቅረብ ያለበት/ያለባት ሲሆን፤ አለዚያም በባንኩ የውክልና መስጫ ቅጽ መሠረት ውክልና ይዘው መቅረብ ያለባቸው መሆኑን በአክብሮት እናሳውቃለን፡፡
• በኢትዮጵያ ብሔራዊ ባንክ የባንኮች አስተዳደር መመሪያ ቁጥር SBB/91/2024 አንቀጽ 20(3) መሰረት የባንኩ የቦርድ አባላት እና የባንኩ ሠራተኞች
ባለአክሲዮኖችን በመወከል ጉባኤው ላይ መሳተፍ አይችሉም፡፡
• ተወካዮች የሚቀበሉት የውክልና መጠን የራሳቸውን አክሲዮን ጨምሮ ከባንኩ የተፈረመ ዋና ገንዘብ ከአስር በመቶ (10%) መብለጥ የለበትም፡፡
የኦሮሚያ ኅብረት ሥራ ባንክ አ.ማ.
የዳይሬክተሮች ቦርድ
