Day: April 1, 2025
Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa Fakkeenya Faaynaansii Hammataa Ta’uun Isaa Ragaa Bahameera.
‘Jijjiiramaan Dursaa’ Jedhamuun Jajameera.
Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa kabaja hundeeffama isaa waggaa 20ffaa, bakka maamiltoonni baankichaa, gahee qabeessota, itti gaafatamtoonni hojii mootummaa fi affeeramtoonni kanneen biroo bakka argamanitti, Hoteela Sheraatanitti sirna ho’aan kabajeera. Kabaja ayyaana kanaa irratti kan argaman, Bulchaan baankii Biyyoolessaa Itoophiyaa Kabajamoo Ob. Maammoo Mihiratuu, Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa biyya keenyatti baankolee guddina saffisaa galmeessisan, tajaajilawwan kalaqaa beeksisanii fi kan hawaasa giddugaleeffatan keessaa tokko ta’uu eeranii, caaseffama tarsiimo’aa qabuu fi ilaalcha ce’umsaaf qabuun hojimaata baankii jaarraa 21ffaaf fakkeenya ta’uu akka danda’u dubbii isaanitiin ibsaniiru.
Tajaajila waaletii /mobaayilaa/ qabu Kooppeey I-birriin kan qaqqabe, maamiltoota Miiliyoona 17n daddabarsa Qarshii Tiriliyoona 3 karaa mobaayilaa taasifame, sadarkaan raawwii isaa waaletiiwwan mobaayilaa biyyattii keessa jiran keessaa warra adda duree ta’an keessaa tokko ta’uu isaa fi karaa tajaajila liqii dijitaalawaa wabii maleessaa ‘Michuu’ daldalawwan maaykiroo, xixiqqaa fi giddugaleessaa Miiliyoona 1.2 ol maallaqaan utubuun maalummaa dhaqqabummaa faaynaansii jijjiiruun fakkeenya calaqqisaa tajaajila faaynaansii hammataa ta’uu danda’eera, jedhaniiru. Bulchaan Baankii Biyyoolessaa itti dabaluudhaanis, sonawwan baankichaa mul’ata Baankii Biyyoolessaa Itoophiyaa waliin kan wal siman ta’uu isaaniitiin, dinqisiifatanii, “jijjiiramaan dursaa” jechuun baankicha jajaniiru.
Hojimaata isaa babal’isuun hunda hirmaachisaa ta’uu hojiin kan mul’ise Baankiin Hojii Gamtaa Oromiyaa kaayyoo ‘Hawaasa Humneessuun Sadarkaa Jireenyaa Jijjiiruu’ ofduraa qabu kalaqa dijitaalawaa olaanaan kan deeggarame ce’umsa dijitaalawaa dhugoomsuu irratti kan argamu ta’uu dubbii isaaniitiin kan beeksisan, Hoji-Raawwachiisaan Olaanaa baankichaa Ob. Darribee Asfaaw, teknoloojii irratti xiyyeeffachuun tajaajilawwan dijitaalawaa rakkina hawaasaa furanii fi jireenya salphisan hojiirra oolchuuf kutannoon hojjatamaa akka jiru addeessaniiru.
Baankichi hoji-uumtota mul’ataa fi abdiin guutamaniif liqii Michuun Qarshii Biiliyoona 20 qabsiisa malee kenne, karaa Faarm Paasii kan raawwataman daddabarsi Qarshii Miiliyoona 440 ol ta’an, hojiirra oolmaan hojimaata dijitaalawaa waldaalee fi yuuniyenoota qusannoo fi liqii SACCO-Link, ATM ammayyaawaan yeroo gabaabaa keessatti olkaawwannaan Qarshii Biiliyoona 6 taasifamuu, giddugala isaa kalaqa teknoloojii dijitaalawaatti, baankii fi qaamolee biroo waliin walta’uun tajaajilawwan hedduu bocuun, ‘Tajaajilaa Qophee’ ta’uun, Dameelee Ismaartii hojiirra ooluun, Dameeleen Iikoo human haaromfamaan hojjatan, uumama naannoo waliin wal siman babal’achuu, saffisaa fi kaffaltii xiqqaan tajaajila kan kennan kan akka Faast Peeyii fi biyya keenyaaf isa jalqabaa kan ta’e, hojiirra oolmaa teknoolojii Bilookcheeyniin kan hojjatu KoopRemiit, baankichi toora dijitaalawaan guddina mul’ataa agarsiise kan agarsiisu ta’uun isaa beekameera. Yeroo ammaa kanatti, saffisa olaanaan guddachuun, qabeenyi isaa waliigalaa Qarshii Biiliyoona 189.4 kan ta’e, maallaqni olkaawwannaa qabus ji’oottan 9n darban walitti qabame Biiliyoona 52.3 dabalatee Qarshii Biiliyoona 169.45 kan qaqqabe, baay’inni maamila Miiliyoona 14.5 ol kan qabu, abbaa dameelee 745 fi hojjachiisaa lammiilee 15,000 ol kan ta’e baankii daran guddaa ta’uu danda’eera.
Baankichi ‘Pirojaktii 20 kabaja waggaa 20ffaaf’ mataduree jedhuun, hojiilee hawaasaaf bu’aa buusan gara garaan ji’a tokkoof kabajamaa akka ture ni beekama.
የኦሮሚያ ኅብረት ሥራ ባንክ የአካታች ፋይናንስ አንጸባራቂ ምሳሌ መሆኑ ተመስክሮለታል።
‘የለውጥ ቀንድ’ በመባልም ተሞካሽቷል
የኦሮሚያ ኅብረት ሥራ ባንክ የ20ኛ ዓመት የምስረታ ከብረ በዓል፤ የባንኩ ደንበኞች፣ ባለድርሻ አካላት፣ የመንግስት የሥራ ኅላፊዎችና ሌሎች ተጋባዠ እንግዶች በተገኙበት በሸራተን አዲስ በታላቅ ድምቀት ተከብሯል። በክብረ በዓሉ ላይ የተገኙት የብሄራዊ ባንክ ገዢ ክቡር አቶ ማሞ ምህረቱ፣ የኦሮሚያ ኅብረት ሥራ ባንክ በሀገራችን ፈጣን እድገት ካስመዘገቡ፣ ብዙ ፈጠራዎችን ካስተዋወቁና ማህበረሰብ ተኮር ከሆኑ ባንኮች አንዱ መሆኑን ጠቅሰው፤ በስትራቴጂክ አወቃቀሩና በትራንስፎርሜሽን እሳቤዎች የ21ኛው ክፍለ ዘመን የባንክ አሠራር አርዓያ ለመሆን መቻሉን በንግግራቸው ገልጸዋል።
በሞባይል ዋሌቱ በኮፔይ ኢ-ብር በደረሳቸው 17 ሚሊዮን ደንበኞቹ በተከናወኑ ግብይቶች ብር 3 ትሪሊዮን በሚደርስ ግብይቱ የሞባይል ገንዘብ ግብይት የአፈጻጸም ደረጃው ከሀገሪቱ መሪ የሞባይል ዋሌቶች አንዱ በመሆንና በሚሰጠው ከማስያዢያ ነጻ ‘ምቹ’ ዲጂታል ብድር ከ1.2 ሚሊዮን በላይ ጥቃቅን፣ አነስተኛና መካከለኛ ንግዶችን በማጎልበት፤ የፋይናንስ ተደራሽነትን ምንነት በመለወጥ የአካታች ፋይናንስ አንጸባራቂ ምሳሌ ለመሆን ችሏል ብለዋል። የብሄራዊ ባንኩ ገዢ አክለውም የባንኩ እሴቶች ከኢትዮጵያ ብሄራዊ ባንክ ራዕይ ጋር አብረው የሚሄዱ ስለመሆናቸው አድናቆትን በመቸር ባንኩን ‘የለውጥ ቀንድ’ በማለት አሞካሽተዋል።
የአሠራር አድማሱን በማስፋት አካታችነትን ተግባራዊ ያደረገው የኦሮሚያ ኅብረት ሥራ ባንክ ‘ማህበረሰብን በማብቃት የኑሮ ደረጃውን የመቀየር ዓላማን አንግቦ፤ በላቀ የዲጂታል ፈጠራ የታገዘ ዲጂታል ትራንስፎርሜሽን ዕውን በማድረግ ላይ መሆኑን በንግግራቸው ያስታወቁት የባንኩ ዋና ሥራ አስፈጻሚ አቶ ደርቤ አስፋው፤ ቴክኖሎጂ ላይ ኢንቨስት በማድረግ የማህበረሰብ ችግር ፈቺና አኗኗርን አቅላይ ዲጂታል አገልግሎቶችን ተግባራዊ ለማድረግ በቁርጠኝነት እየተሠራ መሆኑን ተናግረዋል።
ባንኩ ራዕይና ተስፋን ለሰነቁ ሥራ ፈጣሪዎች በ’ምቹ’ ብድር ያለማስያዣ የሰጠው ብር 20 ቢሊየን፣ በፋርም ፓስ የተከናወኑት ከ440 ሚሊዮን ብር በላይ መጠን ያላቸው ግብይቶች፣ ለገንዘብ ቁጠባና ብድር የ/ኅ/ሥ ማህበራትና ዩኒየኖች ዲጂታል አሠራርን ያስተዋወቀው SACCO–Link ትግበራ፣ በዘመናዊው ATM በአጭር ጊዜ ከ6 ቢሊዮን ብር በላይ ተቀማጭ ገንዘብ ገቢ መደረግ፣ በዲጂታል ቴክኖሎጂ ፈጠራ ማዕከሉ በባንኩና ከሌሎች አጋሮች ጋር በጥምረት በርካታ አገልግሎቶች በመበልጸግ ለአገልግሎት ዝግጁ መሆን፣ የስማርት ቅርንጫፎች ሥራ ላይ መዋል፣ ከአካባቢ ተፈጥሮ ጋር የተዋደዱት በታዳሽ ኃይል የሚሠሩ ኢኮ ቅርንጫፎች መስፋፋት፣ ፈጣንና በአነስተኛ ክፍያ አገልግሎት የሚሰጡ እንደ ፋስት ፔይና ለሀገራችን የመጀመሪያው የሆነው በብሎክ ቼን ቴክኖሎጂ የታገዘው ኮፕ ሬሚት ተግባራዊ መሆን፤ ባንኩ በዲጂታሉ መስክ ያሳየውን እመርታ የሚያረጋግጥ መሆኑ ታውቋል።
በአሁኑ ወቅት በከፍተኛ ፍጥነት በማደግ አጠቃላይ ሀብቱ ብር 189.4 ቢሊዮን የሆነ፣ የተቀማጭ ገንዘብ መጠኑ ባለፉት 9 ወራት ከተሰበሰበው ብር 52.3 ቢሊዮን ጋር ብር 169.45 ቢሊዮን የደረሰ፣ 14.5 ሚሊዮን ደንበኞች ያሉት፣ የ745 ቅርንጫፎች ባለቤት፣ የ15,000 ዜጎች አሰሪ የሆነ ግዙፍ ባንክ ለመሆን ችሏል።
ባንኩ ‘የፕሮጀክት 20 ለ 20ኛ ዓመት ክብረ በዓል’ በሚል መጠሪያ በተለያዩ ማህበራዊ ጠቀሜታ ባላቸው ክንዋኔዎች ለአንድ ወር ሲያከብር መቆየቱ ይታወቃል።