Hawaasasaaf dhimmamuu sonasaa kan taasise, BHGO lammii baraaruuf kutannoo qabu agarsiise

Guraandhala 24, 2022 Finfinnee
BHGO hawaasasaaf dhimmamuu sonasaa taasisuun lammii baraaruuf kutannoo qabu qabatamaan agarsiisuu daran cimsee itti fufee jira. Baankiin keenya, sababa hanqina roobaa biyya keenya mudateen hongee uumameen lammiilee balaa beelaaf saaxilamaniif, gargaarsa namoomaa kabaja guyyaa waldaalee hojii gamtaa irratti abbootiin aksiyoonaa baankichaa fi gaggeessitoonni olaanoo mootummaa bakka argamanitti deeggarsa Qar. Miiliyoona 70 waadaa galuun isaa ni yaadatama.

Haaluma kanaan qarshii waadaa seename kanas, Komishiinii Hoggansa Sodaa Balaa fi Kaafamtoota Misoomaa, akkasumas Biiroolee Qonnaa fi Daldalaa waliin itti dhiyeenyaan hojjachuun qaamolee miidhamoo ta’an adda baasuun, deeggarsaa fi dhiyeessa barbaachisu baruun ofiii isaatiin bittaa midhaan nyaataa fi soorata horii raawwachuun, hojiin fe’iisa geejibsiisuu har’a Guraandhala 17, bara 2014 irraa eegalee ni geggeeffama. Naannoo Oromiyaatti naannolee hongeen hubaman lammiilee jiraataniif deeggarsi namoomaa geejibsiifamu, daakuu boqqoolloo kuntaala 8,400, daa’imman, haadholee harma hoosisanii fi manguddootaaf barbaachisaa kan ta’e nyaanni madaalamaa kuntaala 2,000, zayitii nyaataa leetira 150,000, horii hongeen miidhamaniif okaa hidhaa 56,000 yommuu ta’u, ka’umsa isaa Godina Addaa Oromiyaa Naannawa Finfinnee magaalaa Galaanitti kan argamu mooraa Federeeshinii Qonnaan Bultoota Oromiyaa taasiseera.

Deeggarsi namoomaa guyyaa har’aa geejjibsiifamuu jalqabu, godinaalee hongeen miidhaman, aanaalee godina Baalee Bahaa (Daawwee Sarar, Daawwee Qaaccan, Raayituu fi Sawweenaa), aanaalee godina Booranaa (Dilloo, Taltallee, Elwayyee Gomoolee), aanaalee godina Harargee bahaa (Qumbii fi Mayyuu Muluqqee), aanaalee godina Harargee Lixaa (Hawwii Guddinaa fi Burqaa Diimtuu), aanaalee godina Gujii Bahaa (Malkaa Sooddaa fi Dugda Daawwaa), akkasumas Godina Gujii aanaa Nageellee kan qaqqabu yommuu ta’u, Komishiinii Hoggansa Sodaa Balaa fi Kaafamtoota Misoomaa, akkasumas qindeessitoota qaama baankichaa ta’aniin kan raabsamu ta’a.
Hawaasaaf dhimmamuu sona kan godhate baankiin keenya kana duras dhimmoota akkanaa raawwachaa akka ture ni beekama. Kanneen keessaas waggaa 4 dura lammiilee keenya bakka garaa garaarraa buqqa’aniif qaqqabuun deeggarsa maallaqaa taasisee fi lammiilee kana qubsiisuuf sochii godhame keessatti adda durummaan qooda fudhannaa taasise eeruun ni danda’ama.

Waan qabnuun lammiilee balaaf saaxilaman cinaa dhaabbachuun balaa uumamaa kana waloon ittisuun irra aanuu akka dandeenyu kan itti mul’ifne jalqabbii sochii kanaa yommuu ta’u, hanga lammiileen keenya guutummaatti rakkoo kana damdamatanitti hanga dandeettiin keenya heyyame isaan cinaa kan dhaabbannu ta’uu isiniif mirkaneessina.