Akka dhaabbata faayinaansii tokkootti, maamiltoonni keenya waa’ee maallaqa isaanii murtoo sirrii ta’e akka murteessan gargaaruuf yoomiyyuu kutannoo qabna. Qaala’iinsi jireenyaa yaad-rimee namoota hedduu burjaajessuu danda’u waan ta’eef, dhiibbaa inni geessisu namni kamiyyuu hubachuun barbaachisaadha.
- Qaala’iinsi jireenyaa maali?
Qaala’iinsi jireenyaa uumame kan jedhamu, gatiin waliigalaa meeshaalee fi tajaajilawwan adda addaa irratti haala hin baratamneen yeroo dheeraaf yoo dabaledha. Kunis, sababoota kanneen akka hammi maallaqaa gabaarra socho’u fi baasiin oomishaa ol ka’uu, akkasumas fedhiin namootaa meeshaalee fi tajaajilawwan adda addaaf qaban dabaluu irraa kan ka’e ta’uu danda’a.
- Qusannoo irratti dhiibbaa akkamii qaba?
Haala yeroo irratti hundaa’uun, qaala’iinsi humna bittaa maallaqaa hir’isa. Kana jechuun, hammi maallaqaa of harkaa qabnu gara fuulduraatti waan har’a bituu danda’uu gadi bita jechuudha. Kanaafuu, dhiibbaa qaala’iinsi jireenyaa qusannoo fi invastimantii irratti qabu dursinee hubachuun barbaachisaa dha.
- Qaala’iinsa jireenyaa irraa dandamachuuf maal gochuutu isinirraa eegama?
Maamiltoonni keenya akka qusatan yommuu jajjabeessinu, qaala’iinsi jireenyaa qusannoo isaanii irratti dhiibbaa inni geessisuu danda’us akka hubatan ni barbaanna.
Qaala’iinsa jireenyaa irraa dandamachuuf, qabxiiwwan isin gargaaruu danda’an keessaa muraasni:
- Baasii keessan too’achuu: Yeroo qaala’iinsa jireenyaa gatiin garmalee dabaluu waan danda’uuf, baasii keessan sirreessuun barbaachisaadha. Wantoota dirqama isin hin barbaachisne hir’istanii, waan isin barbaachisu qofarratti xiyyeeffachuu qabdu.
- Amala qusannaa gabbifachuu: Namoonni waan qaban irraa qusatan, warra hin qusanne waliin wal bira qabamee yoo ilaalamu, maallaqaan wal qabatee waan karoorfatan galmaan ga’uuf carraan isaanii guddaadha. Hanga danda’ametti, “xiqqaadha” jettanii osoo hin tuffatin yoo qusattan, baasii yeroo hatattamaaf isin barbaachisu salphaatti raawwachuu dandeessu.
- Bittaa eessaa akka raawwachuu qabdan adda baafachuu: Meeshaalee fi tajaajiloota adda addaa yeroo bitattan, iddoo gatiin hir’isu barbaaduu qabdu. Baay’inaan bitachuunis gatii hir’isuu irratti gahee waan qabuuf, qaama gurguru waliin waliigaltee taasisuun isin gargaara.
- Madda galii keessanii guddisuu: Galiin keessan qaala’iinsa jireenyaa waliin wal hin simu yoo ta’e, haalli jireenyaa ulfaachuu danda’a. Karaalee galii keessan ittiin guddistan, kan akka hojii dabalataa hojjechuu irratti xiyyeeffannoodhaan yaaduu qabdu.
- Maallaqa keessan qabeenya dhaabbataarra oolchuu: Qabeenyi dhaabbataan kan akka lafaa fi gamoo yeroo qaala’iinsa jireenyaa keessatti gatii gaarii qabaachuu danda’a. Kanaafuu, maallaqa keessan qabeenyawwan akkasiirra yoo oolchitan, gatiin maallaqa keessanii gara fuulduraatti akka gadi hin buuneef isin gargaara. Haa ta’u malee, hojiin invastimantii kamiyyuu balaa hin yaadamne qabaachuu akka danda’u hubachuun, gara invastimantiitti galuun dura gorsa ogeessaa argachuun barbaachisaadha.
Xumura irratti, yeroo qaala’iinsa jireenyaa baasiif ofeeggannoo taasisuu, waan qabdan irraa qusachuu fi karaa galii dabalataa ittiin argachuu dandeessan barbaaduun akka isinirraa eegamu hubachuun barbaachisaadha.