Waamicha Yaa’ii Waliigalaa Abbootii Aksiyoonaa W.A Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaaf
W.A Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa, yaa’ii waliigalaa idilee waggaa 18ffaa Mudde 8, bara 2015 ganama sa’aatii 2:00 irraa eegalee magaalaa Adaamaa, Galma Abbaa Gadaatti ni taa’ama. Kanaafuu, abbootiin aksiyoonaa guyyaa, iddoo fi sa’aatii eerametti argamuun akka irratti hirmaattan Boordiin Daayrektarootaa Baankichaa kabajaan isin affeera.
Hubachiisa:
- Abbootii Aksiyoonaas ta’e bakka bu’oonni yaa’ii kana irratti hirmaachuuf yeroo dhufan, lammummaa Itoophiyaa kan qaban ta’uu ykn dhalootaan Itoophiyaa ta’uu isaanii kan ibsu, waraqaa eenyummaa gandaa haaromfame ykn paaspoortii ykn hayyama konkolaachisummaa, orijinaalaa fi fotokoppii tokko qabachuu kan qaban ta’uu,
- Abbootiin aksiyoonaa yaa’icha irratti qaamaan argamuu hin dandeenye, Seera Daldalaa Keewwata 377(1) bu’uura godhachuun, magaalaa Finfinnee, naannoo Boolee Ruwaandaa gamoo Raang, darbii 9ffaa irratti kan argamu Kutaa Bulchiinsa Aksiyoonaa baankichaa, ykn damee baankichaa dhiyoo jirutti dhiyaachuun, unkaa bakka bu’iinsaa dhimma kanaaf qophaa’e guutuun karaa bakka bu’aa isaanii argamuun sagalee kennuu kan danda’an ta’uu,
- Dhaabbileen/Waldaaleen Hojii Gamtaa ykn dhaabbilee biroo bakka bu’uun kan dhiyaatan, hoji-gaggeessaa dhaabbatichaa/waldichaa ta’uu isaanii ragaa mirkaneessu qabatanii dhiyaachuu kan qaban ta’uu ykn unkaa kenniinsa bakka bu’iinsaa baankichaan, bakka bu’ummaan kan kennameef ta’uu,
- Hubachiisa 2ffaa fi 3ffaa irratti kan eerameen alatti yaa’ii kana irratti bakka bu’ummaan hirmaachuu kan barbaadan yoo jiraatan, qaama mootummaa bakka bu’ummaa kennisiisuuf aangoo qabu irraa, sanada bakka bu’iinsaa yaa’ii kana irratti hirmaachuun sagalee kennuu dandeessisu orijinaalaa fi fotokoppii qabatanii dhiyaachuu kan qaban ta’uu, kabajaan ibsina.
Ajandaawwan yaa’ichaa kana ilaalchisee maxxansaalee gaazexoota Addis Zamanii fi Rippoortaraa Sadaasa 11 bara 2015 bahan ilaaluun ni danda’ama.
Odeeffannoo dabalataaf, lakk. Bilbilaa 0115150229 fayyadamaa,
Boordii Daayrektarootaa
(W.A) Baankii Hojii Gamtaa Oromiyaa